Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Número de página:close

external-link copy
20 : 4

وَإِنۡ أَرَدتُّمُ ٱسۡتِبۡدَالَ زَوۡجٖ مَّكَانَ زَوۡجٖ وَءَاتَيۡتُمۡ إِحۡدَىٰهُنَّ قِنطَارٗا فَلَا تَأۡخُذُواْ مِنۡهُ شَيۡـًٔاۚ أَتَأۡخُذُونَهُۥ بُهۡتَٰنٗا وَإِثۡمٗا مُّبِينٗا

 yoo niitii tokko bakka ishee biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun, isa irraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu? info
التفاسير:

external-link copy
21 : 4

وَكَيۡفَ تَأۡخُذُونَهُۥ وَقَدۡ أَفۡضَىٰ بَعۡضُكُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٖ وَأَخَذۡنَ مِنكُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا

 Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? bifa gariin keessan gara garii ga'ee jiruun kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa fudhatanii jiranuun. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 4

وَلَا تَنكِحُواْ مَا نَكَحَ ءَابَآؤُكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۚ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةٗ وَمَقۡتٗا وَسَآءَ سَبِيلًا

 Dubartoota irraa isaan abbootiin keessan fuudhan hin fuudhinaa. waan dabre malee, Dhugumatti inni fokkataa, jibbamaafi karaan isaa hamaa ta'ee jira. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 4

حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمۡ أُمَّهَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُمۡ وَعَمَّٰتُكُمۡ وَخَٰلَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُ ٱلۡأَخِ وَبَنَاتُ ٱلۡأُخۡتِ وَأُمَّهَٰتُكُمُ ٱلَّٰتِيٓ أَرۡضَعۡنَكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُم مِّنَ ٱلرَّضَٰعَةِ وَأُمَّهَٰتُ نِسَآئِكُمۡ وَرَبَٰٓئِبُكُمُ ٱلَّٰتِي فِي حُجُورِكُم مِّن نِّسَآئِكُمُ ٱلَّٰتِي دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَإِن لَّمۡ تَكُونُواْ دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ وَحَلَٰٓئِلُ أَبۡنَآئِكُمُ ٱلَّذِينَ مِنۡ أَصۡلَٰبِكُمۡ وَأَن تَجۡمَعُواْ بَيۡنَ ٱلۡأُخۡتَيۡنِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا

 Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubarri keessans, obboleettiwwan keessans, adaadowwan keessans, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessans, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira. info
التفاسير: