Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Número de página:close

external-link copy
75 : 4

وَمَا لَكُمۡ لَا تُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلرِّجَالِ وَٱلنِّسَآءِ وَٱلۡوِلۡدَٰنِ ٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَخۡرِجۡنَا مِنۡ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِ ٱلظَّالِمِ أَهۡلُهَا وَٱجۡعَل لَّنَا مِن لَّدُنكَ وَلِيّٗا وَٱجۡعَل لَّنَا مِن لَّدُنكَ نَصِيرًا

Sila maaltu isiniif jiraatee karaa Rabbii keessatti, kan hinlolle? kan warri dadhaboo dhiirota, dubartoota, ijoollee irraa ta’an, jedhan “Gooftaa keenya! Magaalattii jiraattonni ishee miidhaa raawwattoota ta'an kana irraa nu baasi; gargaaraa Si biraa ta’es nuuf taasisi; tumsaa Si biraa ta’es nuuf taasisi” (jedhaniif jettanii hin lolle?) info
التفاسير:

external-link copy
76 : 4

ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱلطَّٰغُوتِ فَقَٰتِلُوٓاْ أَوۡلِيَآءَ ٱلشَّيۡطَٰنِۖ إِنَّ كَيۡدَ ٱلشَّيۡطَٰنِ كَانَ ضَعِيفًا

Warri amanan karaa Rabbii keessatti lolu. Isaan kafaran immoo karaa xaaghuutaa keessatti lolu. jaalalleewwan sheyxaanatiin lolaa. Dhugumatti tooftaan sheyxaanaa dadhabaa ta'e. info
التفاسير:

external-link copy
77 : 4

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ قِيلَ لَهُمۡ كُفُّوٓاْ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ فَلَمَّا كُتِبَ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقِتَالُ إِذَا فَرِيقٞ مِّنۡهُمۡ يَخۡشَوۡنَ ٱلنَّاسَ كَخَشۡيَةِ ٱللَّهِ أَوۡ أَشَدَّ خَشۡيَةٗۚ وَقَالُواْ رَبَّنَا لِمَ كَتَبۡتَ عَلَيۡنَا ٱلۡقِتَالَ لَوۡلَآ أَخَّرۡتَنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٖ قَرِيبٖۗ قُلۡ مَتَٰعُ ٱلدُّنۡيَا قَلِيلٞ وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّمَنِ ٱتَّقَىٰ وَلَا تُظۡلَمُونَ فَتِيلًا

Sila gara isaan harka keessan (lola irraa) qabadhaa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa jedhamanii hin ilaallee? Yeroma lolli dirqama isaan irratti taasifamu yoma san gareen isaan irraa ta’e sodaa akka Rabbiin sodaatanii yookiin sodaa san caalu namoota sodaatan. “Yaa Gooftaa keenya! Maaliif lola dirqama nurratti taasifte? Odoo yeroo gabaabaa nu tursiiftee (maal qaba)?” jedhan. Jedi “Qananiin addunyaa xiqqaadha; Aakhiraan nama (Rabbiin) sodaatuuf caalaadha. Hanga qajjiisaa (qola killee) Timiraa hin miidhamtan" . info
التفاسير:

external-link copy
78 : 4

أَيۡنَمَا تَكُونُواْ يُدۡرِككُّمُ ٱلۡمَوۡتُ وَلَوۡ كُنتُمۡ فِي بُرُوجٖ مُّشَيَّدَةٖۗ وَإِن تُصِبۡهُمۡ حَسَنَةٞ يَقُولُواْ هَٰذِهِۦ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ وَإِن تُصِبۡهُمۡ سَيِّئَةٞ يَقُولُواْ هَٰذِهِۦ مِنۡ عِندِكَۚ قُلۡ كُلّٞ مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ فَمَالِ هَٰٓؤُلَآءِ ٱلۡقَوۡمِ لَا يَكَادُونَ يَفۡقَهُونَ حَدِيثٗا

“Eessallee yoo taatan duuti isin dhaqqaba. Odoo gamoowwan ciccimoo keessa taatanillee (isin irraa hin hafu). Yoo toltuun wahii isaan tuqu immoo “kun Rabbiin biraayi” jedhu. Yoo hamtuun wahii isaan tuqu immoo “(yaa Muhammad!) kun si biraayi" jedhu. “Hunduu Rabbiin biraayyi" jedhi. Ummanni kun maaltu isaaniif jiraayyi dubbii homaayyuu hubachuutti hin dhihaanne? info
التفاسير:

external-link copy
79 : 4

مَّآ أَصَابَكَ مِنۡ حَسَنَةٖ فَمِنَ ٱللَّهِۖ وَمَآ أَصَابَكَ مِن سَيِّئَةٖ فَمِن نَّفۡسِكَۚ وَأَرۡسَلۡنَٰكَ لِلنَّاسِ رَسُولٗاۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدٗا

Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee Rabbirraayyi. Hamtuu irraa wanti si tuqe kamillee lubbuu kee irraayi. Namootaaf ergamaa taasifneetiin si ergine. Ragummaaf Rabbiin qofti ga’adha. info
التفاسير: