Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Número de página:close

external-link copy
92 : 4

وَمَا كَانَ لِمُؤۡمِنٍ أَن يَقۡتُلَ مُؤۡمِنًا إِلَّا خَطَـٔٗاۚ وَمَن قَتَلَ مُؤۡمِنًا خَطَـٔٗا فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖ وَدِيَةٞ مُّسَلَّمَةٌ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦٓ إِلَّآ أَن يَصَّدَّقُواْۚ فَإِن كَانَ مِن قَوۡمٍ عَدُوّٖ لَّكُمۡ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖۖ وَإِن كَانَ مِن قَوۡمِۭ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُم مِّيثَٰقٞ فَدِيَةٞ مُّسَلَّمَةٌ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ وَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖۖ فَمَن لَّمۡ يَجِدۡ فَصِيَامُ شَهۡرَيۡنِ مُتَتَابِعَيۡنِ تَوۡبَةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا

Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'u.Yoo dogoggoraan ta’e malee, Namni mu’umina dogoggoraan ajjeese, gabra mu’uminaa bilisoomsuufi 'diyaa' (gumaa dhiigaa) gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira) yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee. Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu irra jira. Yoo inni ummata gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira). Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aantuu soomuutu (irra jira). Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera. info
التفاسير:

external-link copy
93 : 4

وَمَن يَقۡتُلۡ مُؤۡمِنٗا مُّتَعَمِّدٗا فَجَزَآؤُهُۥ جَهَنَّمُ خَٰلِدٗا فِيهَا وَغَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ وَلَعَنَهُۥ وَأَعَدَّ لَهُۥ عَذَابًا عَظِيمٗا

Namni odoo beekuu mu’umina ajjeese, galanni isaa, jahannami achi keessatti hafa,Rabbiin isa irratti dallanee, isa abaaree jiraa. azaaba guddaa isaaf qopheesse. info
التفاسير:

external-link copy
94 : 4

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا ضَرَبۡتُمۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَتَبَيَّنُواْ وَلَا تَقُولُواْ لِمَنۡ أَلۡقَىٰٓ إِلَيۡكُمُ ٱلسَّلَٰمَ لَسۡتَ مُؤۡمِنٗا تَبۡتَغُونَ عَرَضَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا فَعِندَ ٱللَّهِ مَغَانِمُ كَثِيرَةٞۚ كَذَٰلِكَ كُنتُم مِّن قَبۡلُ فَمَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡكُمۡ فَتَبَيَّنُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا

Yaa warra amantan! Yeroo karaa Rabbii keessa deemtan (dubbii) adda baafadhaa. nama salaamtaa isiniin jedheen “ati Mu’uminaa miti" hin jedhinaa, meeshaa addunyaa barbaaduuf, Boojuun baay’een Rabbi bira jirtii, Duraan isinis akkasuma turtanii Rabbiin isin irratti tola oolee. dubbii adda baafadhaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaa ta'eera. info
التفاسير: