Bản dịch ý nghĩa nội dung Qur'an - 奥罗莫语翻译 - 卡里·艾巴布尔

Luqmaan

external-link copy
1 : 31

الٓمٓ

Alif Laam Miim. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 31

تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡحَكِيمِ

Tun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 31

هُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّلۡمُحۡسِنِينَ

Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame). info
التفاسير:

external-link copy
4 : 31

ٱلَّذِينَ يُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ يُوقِنُونَ

Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 31

أُوْلَٰٓئِكَ عَلَىٰ هُدٗى مِّن رَّبِّهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ

Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 31

وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَشۡتَرِي لَهۡوَ ٱلۡحَدِيثِ لِيُضِلَّ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ بِغَيۡرِ عِلۡمٖ وَيَتَّخِذَهَا هُزُوًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ

Namoota irraa nama haasawa taphaa bituutu jira. beekumsaan ala karaa Rabbii irraa ittiin (nama) jallisuuf, meeshaa taphaa taasifachuuf. Isaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 31

وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا وَلَّىٰ مُسۡتَكۡبِرٗا كَأَن لَّمۡ يَسۡمَعۡهَا كَأَنَّ فِيٓ أُذُنَيۡهِ وَقۡرٗاۖ فَبَشِّرۡهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ

Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, boonaa ta’ee irraa garagala akka waan hin dhaga’iniitti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, Adabbii laalessaan isa gammachiisi. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 31

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلنَّعِيمِ

Isaan amananii gaggaarii hojjatan jannatoota qananiitu isaaniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 31

خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٗاۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Ishee keessa zalaalam jiraatoo tahanii (ishee seenu). Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif gale. Inni injifataa, ogeessa. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 31

خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيۡرِ عَمَدٖ تَرَوۡنَهَاۖ وَأَلۡقَىٰ فِي ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِيَ أَن تَمِيدَ بِكُمۡ وَبَثَّ فِيهَا مِن كُلِّ دَآبَّةٖۚ وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٖ كَرِيمٍ

Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartu. Gaarreen (gadi dhaabdota) dachii keessa kaaye, akka (dachiin) isiniin hin sochooneef. Lubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaase. Bishaan Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hundarraa ishee keessatti magarsine. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 31

هَٰذَا خَلۡقُ ٱللَّهِ فَأَرُونِي مَاذَا خَلَقَ ٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦۚ بَلِ ٱلظَّٰلِمُونَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ

Kun uumaa Rabbiiti. Mee waan isaan Isaa gadii uuman na agarsiisaa. Dhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru. info
التفاسير: