قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
74 : 43

إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي عَذَابِ جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ

Yakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 43

لَا يُفَتَّرُ عَنۡهُمۡ وَهُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ

(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis isa keessatti abdii muratoodha. info
التفاسير:

external-link copy
76 : 43

وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن كَانُواْ هُمُ ٱلظَّٰلِمِينَ

Nuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an. info
التفاسير:

external-link copy
77 : 43

وَنَادَوۡاْ يَٰمَٰلِكُ لِيَقۡضِ عَلَيۡنَا رَبُّكَۖ قَالَ إِنَّكُم مَّٰكِثُونَ

(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee haa nufixu (nuuf gaafadhuu)” (jedhanii) lallabu. (Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
78 : 43

لَقَدۡ جِئۡنَٰكُم بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَكُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ

Dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufne. Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota. info
التفاسير:

external-link copy
79 : 43

أَمۡ أَبۡرَمُوٓاْ أَمۡرٗا فَإِنَّا مُبۡرِمُونَ

Moo Tooftaa baasanii?, nutis tooftaa itti baafne. info
التفاسير:

external-link copy
80 : 43

أَمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّا لَا نَسۡمَعُ سِرَّهُمۡ وَنَجۡوَىٰهُمۚ بَلَىٰ وَرُسُلُنَا لَدَيۡهِمۡ يَكۡتُبُونَ

Moo Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyu sehanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessu. info
التفاسير:

external-link copy
81 : 43

قُلۡ إِن كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدٞ فَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلۡعَٰبِدِينَ

(Yaa Muhammad!) jedhi: “yoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa)(ilma san) gabbaraniiti.” {1} info

{1} garuu Rabbiin ilma hinqabu, kanarraa qulqullaawwe.

التفاسير:

external-link copy
82 : 43

سُبۡحَٰنَ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَرۡشِ عَمَّا يَصِفُونَ

Rabbiin samiileefi dachii, Gooftaan arshii waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera. info
التفاسير:

external-link copy
83 : 43

فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ

Isaan dhiisi (dhara keessa) seenanii haa taphatanii Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti. info
التفاسير:

external-link copy
84 : 43

وَهُوَ ٱلَّذِي فِي ٱلسَّمَآءِ إِلَٰهٞ وَفِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَٰهٞۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ

Inni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaati. Inni ogeessa, beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
85 : 43

وَتَبَارَكَ ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَعِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلسَّاعَةِ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ

Inni mootummaan samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e toltuun isaa baay'ate. beekumsi Qiyaamaas Isa biratti tahe, gara Isaatti deebifamtan. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 43

وَلَا يَمۡلِكُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَن شَهِدَ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ

Manguddummaa seenuu hin danda’anu Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahan malee. info
التفاسير:

external-link copy
87 : 43

وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَهُمۡ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۖ فَأَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ

Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamuree? info
التفاسير:

external-link copy
88 : 43

وَقِيلِهِۦ يَٰرَبِّ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمٞ لَّا يُؤۡمِنُونَ

Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira). info
التفاسير:

external-link copy
89 : 43

فَٱصۡفَحۡ عَنۡهُمۡ وَقُلۡ سَلَٰمٞۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ

(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru. info
التفاسير: