قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
11 : 43

وَٱلَّذِي نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَنشَرۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗاۚ كَذَٰلِكَ تُخۡرَجُونَ

Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, dachii duutuu isaan jiraachifne. Akkuma kana baafamtu. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 43

وَٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَزۡوَٰجَ كُلَّهَا وَجَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡفُلۡكِ وَٱلۡأَنۡعَٰمِ مَا تَرۡكَبُونَ

Isa cimdii hunda uumee, dooniileefi beyladoota irraa waan yaabbattan isiniif godhe. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 43

لِتَسۡتَوُۥاْ عَلَىٰ ظُهُورِهِۦ ثُمَّ تَذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ رَبِّكُمۡ إِذَا ٱسۡتَوَيۡتُمۡ عَلَيۡهِ وَتَقُولُواْ سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَٰذَا وَمَا كُنَّا لَهُۥ مُقۡرِنِينَ

Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo (duuyda) isaarratti (geejjibaarratti) ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 43

وَإِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ

Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 43

وَجَعَلُواْ لَهُۥ مِنۡ عِبَادِهِۦ جُزۡءًاۚ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَكَفُورٞ مُّبِينٌ

Gabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisani. Namni dhugumatti kafraa ifa bahaadha. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 43

أَمِ ٱتَّخَذَ مِمَّا يَخۡلُقُ بَنَاتٖ وَأَصۡفَىٰكُم بِٱلۡبَنِينَ

Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee? info
التفاسير:

external-link copy
17 : 43

وَإِذَا بُشِّرَ أَحَدُهُم بِمَا ضَرَبَ لِلرَّحۡمَٰنِ مَثَلٗا ظَلَّ وَجۡهُهُۥ مُسۡوَدّٗا وَهُوَ كَظِيمٌ

Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, fuulli isaa gurraacha ta’a dallansuun guutamaa tahee. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 43

أَوَمَن يُنَشَّؤُاْ فِي ٱلۡحِلۡيَةِ وَهُوَ فِي ٱلۡخِصَامِ غَيۡرُ مُبِينٖ

Nama faaya (miidhaginaa) keessatti guddifamu, kan falmii keessatti hinibsine (godhatee)? info
التفاسير:

external-link copy
19 : 43

وَجَعَلُواْ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ ٱلَّذِينَ هُمۡ عِبَٰدُ ٱلرَّحۡمَٰنِ إِنَٰثًاۚ أَشَهِدُواْ خَلۡقَهُمۡۚ سَتُكۡتَبُ شَهَٰدَتُهُمۡ وَيُسۡـَٔلُونَ

Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisan. uumama isaanii bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura nibarreeffamti, nigaafataman. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 43

وَقَالُواْ لَوۡ شَآءَ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَا عَبَدۡنَٰهُمۗ مَّا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ

“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhan. sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban isaan kijiboo malee hintaane. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 43

أَمۡ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ كِتَٰبٗا مِّن قَبۡلِهِۦ فَهُم بِهِۦ مُسۡتَمۡسِكُونَ

Moo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaaniif kennine, kan isaan isa qabatoo tahan? info
التفاسير:

external-link copy
22 : 43

بَلۡ قَالُوٓاْ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّهۡتَدُونَ

Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faanoowwan isaanii irra qajeeloodha” jedhan. info
التفاسير: