Vertaling van de betekenissen Edele Qur'an - Oromo vertaling - Ghali Abapor

Pagina nummer:close

external-link copy
216 : 2

كُتِبَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡقِتَالُ وَهُوَ كُرۡهٞ لَّكُمۡۖ وَعَسَىٰٓ أَن تَكۡرَهُواْ شَيۡـٔٗا وَهُوَ خَيۡرٞ لَّكُمۡۖ وَعَسَىٰٓ أَن تُحِبُّواْ شَيۡـٔٗا وَهُوَ شَرّٞ لَّكُمۡۚ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ وَأَنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ

Lolli isinirratti dirqama godhame Odoma inni isin biratti jibbamaa ta’uu. Odoo inni isiniif gaarii ta'uu waan tokko jibbuun keessan mirkanaa’e. Odoo inni isiniif hamtuu ta’uu waan tokko jaalachuun keessanis mirkanaa’e. Rabbumatu beeka; isin hin beektanu info
التفاسير:

external-link copy
217 : 2

يَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلشَّهۡرِ ٱلۡحَرَامِ قِتَالٖ فِيهِۖ قُلۡ قِتَالٞ فِيهِ كَبِيرٞۚ وَصَدٌّ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَكُفۡرُۢ بِهِۦ وَٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ وَإِخۡرَاجُ أَهۡلِهِۦ مِنۡهُ أَكۡبَرُ عِندَ ٱللَّهِۚ وَٱلۡفِتۡنَةُ أَكۡبَرُ مِنَ ٱلۡقَتۡلِۗ وَلَا يَزَالُونَ يُقَٰتِلُونَكُمۡ حَتَّىٰ يَرُدُّوكُمۡ عَن دِينِكُمۡ إِنِ ٱسۡتَطَٰعُواْۚ وَمَن يَرۡتَدِدۡ مِنكُمۡ عَن دِينِهِۦ فَيَمُتۡ وَهُوَ كَافِرٞ فَأُوْلَٰٓئِكَ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatu. Jedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadha. Karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, (namoota) Masjidal Haraam (irraa dhorguun) jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadha. Mokkoraatu (Shirkiitu) ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadha. Yoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deeman. Namni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha. info
التفاسير:

external-link copy
218 : 2

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَٱلَّذِينَ هَاجَرُواْ وَجَٰهَدُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ أُوْلَٰٓئِكَ يَرۡجُونَ رَحۡمَتَ ٱللَّهِۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Dhugumatti, warri amananiifi warri godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’an, isaan sun rahmata Rabbii ni kajeelu. Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
219 : 2

۞ يَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلۡخَمۡرِ وَٱلۡمَيۡسِرِۖ قُلۡ فِيهِمَآ إِثۡمٞ كَبِيرٞ وَمَنَٰفِعُ لِلنَّاسِ وَإِثۡمُهُمَآ أَكۡبَرُ مِن نَّفۡعِهِمَاۗ وَيَسۡـَٔلُونَكَ مَاذَا يُنفِقُونَۖ قُلِ ٱلۡعَفۡوَۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّكُمۡ تَتَفَكَّرُونَ

Dhugaatii macheessaniifi qumaara irraa si gaafatu. Jedhi: "Dilii guddaafi faayidaawwantu namootaaf isaan keessa jira. Diliin isaan lamaanii faayidaa isaan lamaanii irra guddaadha." Ammas maal akka arjoomanu si gaafatu “Isa dhimma keessan irraa hafe” jedhiin. Akka xiinxaltaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif ibsa. info
التفاسير: