വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
111 : 16

۞ يَوۡمَ تَأۡتِي كُلُّ نَفۡسٖ تُجَٰدِلُ عَن نَّفۡسِهَا وَتُوَفَّىٰ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا عَمِلَتۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ

Guyyaa lubbuun hundi kan ofirraa mormitu taatee dhuftuufi, kan lubbuun hundi waan dalagdeen mindeeffamtu [yaadadhu]. Isaan hin miidhaman. info
التفاسير:

external-link copy
112 : 16

وَضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا قَرۡيَةٗ كَانَتۡ ءَامِنَةٗ مُّطۡمَئِنَّةٗ يَأۡتِيهَا رِزۡقُهَا رَغَدٗا مِّن كُلِّ مَكَانٖ فَكَفَرَتۡ بِأَنۡعُمِ ٱللَّهِ فَأَذَٰقَهَا ٱللَّهُ لِبَاسَ ٱلۡجُوعِ وَٱلۡخَوۡفِ بِمَا كَانُواْ يَصۡنَعُونَ

Rabbiin magaalattii nagaa tasgabbooftuu turte,(nama tola isaatti kafareef) fakkeenya taasise. kan sooranni ishee iddoo hunda irraa baay’inaan isheetti dhufu, kan qananiilee Rabbiitti kafartee. Rabbiin waan isaan hojjachaa turaniin uffata beelaafi sodaa ishee dhandhamsiise. info
التفاسير:

external-link copy
113 : 16

وَلَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولٞ مِّنۡهُمۡ فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُ وَهُمۡ ظَٰلِمُونَ

Dhugumatti ergamaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufee, isas sobsiisani; odoo isaan miidhaa hojjatoota ta’anii jiranuu adabbiin isaan qabate. info
التفاسير:

external-link copy
114 : 16

فَكُلُواْ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ حَلَٰلٗا طَيِّبٗا وَٱشۡكُرُواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ إِيَّاهُ تَعۡبُدُونَ

Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa. Hayyamamaa, gaarii haala ta’een. tola Rabbii kan isinirratti tahe galateeffadhaa Yoo kan Isa gabbartan taatan. info
التفاسير:

external-link copy
115 : 16

إِنَّمَا حَرَّمَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةَ وَٱلدَّمَ وَلَحۡمَ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِهِۦۖ فَمَنِ ٱضۡطُرَّ غَيۡرَ بَاغٖ وَلَا عَادٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota Rabbiin alaatiif (yeroo gorra'an) sagaleen irratti olfuudhameedha. Namni rakkifame fincilaa tahuun maletti daangaa dabruun maletti (yoo nyaate)(badiin isarra hin jiru). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha info
التفاسير:

external-link copy
116 : 16

وَلَا تَقُولُواْ لِمَا تَصِفُ أَلۡسِنَتُكُمُ ٱلۡكَذِبَ هَٰذَا حَلَٰلٞ وَهَٰذَا حَرَامٞ لِّتَفۡتَرُواْ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ لَا يُفۡلِحُونَ

waan arrabni keessan kijiba dubbatuun “kun hayyamamaadha; kun immoo dhorgamaadha” hin jedhinaa.Rabbirratti kijiba uumuuf jettanii, Dhugumatti isaan Rabbirratti soba odeessan hin milkaa’anu. info
التفاسير:

external-link copy
117 : 16

مَتَٰعٞ قَلِيلٞ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ

(Isaaniif) qananii xiqqootu jira. (Aakhiraatti immoo) isaaniif adabbii laalessaatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
118 : 16

وَعَلَى ٱلَّذِينَ هَادُواْ حَرَّمۡنَا مَا قَصَصۡنَا عَلَيۡكَ مِن قَبۡلُۖ وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن كَانُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ

Isaan yahuudota ta’an irratti waan kana dura sirratti odeessine dhorgaa taasifnee jirra. Nuti waa isaan hin miinee, garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan. info
التفاسير: