വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
103 : 16

وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّهُمۡ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُۥ بَشَرٞۗ لِّسَانُ ٱلَّذِي يُلۡحِدُونَ إِلَيۡهِ أَعۡجَمِيّٞ وَهَٰذَا لِسَانٌ عَرَبِيّٞ مُّبِينٌ

Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beekna. Qooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha, (Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha. info
التفاسير:

external-link copy
104 : 16

إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ لَا يَهۡدِيهِمُ ٱللَّهُ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne, Rabbiin isaan hin qajeelchu; isaaniifis adabbii laalessaatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
105 : 16

إِنَّمَا يَفۡتَرِي ٱلۡكَذِبَ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَٰذِبُونَ

Dhugumatti kan kijiba uumu isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne qofa. Warri sun isaanumatu kijibdoota. info
التفاسير:

external-link copy
106 : 16

مَن كَفَرَ بِٱللَّهِ مِنۢ بَعۡدِ إِيمَٰنِهِۦٓ إِلَّا مَنۡ أُكۡرِهَ وَقَلۡبُهُۥ مُطۡمَئِنُّۢ بِٱلۡإِيمَٰنِ وَلَٰكِن مَّن شَرَحَ بِٱلۡكُفۡرِ صَدۡرٗا فَعَلَيۡهِمۡ غَضَبٞ مِّنَ ٱللَّهِ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٞ

Namni eega amanuu isaatii Rabbitti kafare (Adaba laalessaatu isaaf jira), Nama odoo qalbiin isaa Iimaana irratti ragga’ee jiruu (kufriitti) dirqisiifame malee, Garuu namni qoma isaa kufriif bal’ise dallansuu Rabbi irraa ta’etu isaan irra jira; Isaaniif adabbii guddaatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
107 : 16

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ ٱسۡتَحَبُّواْ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا عَلَى ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡكَٰفِرِينَ

Kun waan isaan jireenya addunyaa Aakhiraa caalaa jaalataniifi Rabbiin ummata kaafirootaa hinqajeelchu. info
التفاسير:

external-link copy
108 : 16

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ وَسَمۡعِهِمۡ وَأَبۡصَٰرِهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡغَٰفِلُونَ

Isaan warra Rabbiin onneewwan isaanii, dhageettii isaaniifi agartuuwwan isaanii irratti cufeedha. Isaan sun isaanumatu dagattoota. info
التفاسير:

external-link copy
109 : 16

لَا جَرَمَ أَنَّهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ

Shakkiin hin jiru isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oota. info
التفاسير:

external-link copy
110 : 16

ثُمَّ إِنَّ رَبَّكَ لِلَّذِينَ هَاجَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا فُتِنُواْ ثُمَّ جَٰهَدُواْ وَصَبَرُوٓاْ إِنَّ رَبَّكَ مِنۢ بَعۡدِهَا لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ

Ergasii Gooftaan kee isaan erga rakkifamanii booda godaananii, ergasii qabsaa’anii, obsaniif (araaramaa, rahmata godhaa dha); dhugumatti Gooftaan kee booda isheetii (rakkifamuutii) araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير: