വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
80 : 16

وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُم مِّنۢ بُيُوتِكُمۡ سَكَنٗا وَجَعَلَ لَكُم مِّن جُلُودِ ٱلۡأَنۡعَٰمِ بُيُوتٗا تَسۡتَخِفُّونَهَا يَوۡمَ ظَعۡنِكُمۡ وَيَوۡمَ إِقَامَتِكُمۡ وَمِنۡ أَصۡوَافِهَا وَأَوۡبَارِهَا وَأَشۡعَارِهَآ أَثَٰثٗا وَمَتَٰعًا إِلَىٰ حِينٖ

Rabbiin manneen keessan irraa iddoo teessumaa isiniif godhe. Gogaa beyladaa irraa manneen guyyaa imala deemtaniifi guyyaa dhaabbannaa keessaniis salphifattan isiniif taasiseera. suufa hoolaa, rifeensa gaalaafi rifeensa re’ee irraa meeshaafi faa’idaalee hanga yerootiif (isiniif godheera). info
التفاسير:

external-link copy
81 : 16

وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُم مِّمَّا خَلَقَ ظِلَٰلٗا وَجَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡجِبَالِ أَكۡنَٰنٗا وَجَعَلَ لَكُمۡ سَرَٰبِيلَ تَقِيكُمُ ٱلۡحَرَّ وَسَرَٰبِيلَ تَقِيكُم بَأۡسَكُمۡۚ كَذَٰلِكَ يُتِمُّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تُسۡلِمُونَ

Rabbiin wantoota uume irraa gaaddisawwan isiniif godhe. Gaarreen irraas iddoo dhokannaa (isinii godhe). Uffatawwan ho’aa (fi qorra) isin irraa dhorgitus isiniif godhe; uffatawwan balaa waraanaa irraa isin tiksitus, akka kanatti (Rabbiin) tola Isaa isin irratti guuta Akka isin (isaaf) ajajamtaniif. info
التفاسير:

external-link copy
82 : 16

فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَإِنَّمَا عَلَيۡكَ ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ

Yoo (haqa irraa) garagalaniif, dhugumatti wanti sirra jiru (ergaa) qaqqabsiisuu ifa ta’e qofa. info
التفاسير:

external-link copy
83 : 16

يَعۡرِفُونَ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ ثُمَّ يُنكِرُونَهَا وَأَكۡثَرُهُمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ

Tola Rabbii ni beeku Ergasii ishee mormu, Ira hedduun isaanii kaafiroota. info
التفاسير:

external-link copy
84 : 16

وَيَوۡمَ نَبۡعَثُ مِن كُلِّ أُمَّةٖ شَهِيدٗا ثُمَّ لَا يُؤۡذَنُ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ وَلَا هُمۡ يُسۡتَعۡتَبُونَ

Guyyaa ummata hunda irraa ragaa kaafnu [yaadadhaa]. Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hayyamamu, (Komii dhiifama qabus) hin komatamanu. info
التفاسير:

external-link copy
85 : 16

وَإِذَا رَءَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ ٱلۡعَذَابَ فَلَا يُخَفَّفُ عَنۡهُمۡ وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ

Isaan miidhaa dalagan yeroo azaaba argan, isaan irraa hin salphifamu; Yeroonis isaaniif hin kennamu. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 16

وَإِذَا رَءَا ٱلَّذِينَ أَشۡرَكُواْ شُرَكَآءَهُمۡ قَالُواْ رَبَّنَا هَٰٓؤُلَآءِ شُرَكَآؤُنَا ٱلَّذِينَ كُنَّا نَدۡعُواْ مِن دُونِكَۖ فَأَلۡقَوۡاْ إِلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلَ إِنَّكُمۡ لَكَٰذِبُونَ

Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan yeroo qindoolee isaanii argan nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan kun qidoolee keenya warra nuti siin ala kadhachaa turreedha”. (Gabbaramtoonnis) “dhugumatti isin kijiboodha” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu. info
التفاسير:

external-link copy
87 : 16

وَأَلۡقَوۡاْ إِلَى ٱللَّهِ يَوۡمَئِذٍ ٱلسَّلَمَۖ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ

Isaan guyyaa san ajajamoo ta’uu gara Rabbiitti dhiyeessu. Wanti isaan sobaan uumaa turanis isaan irraa bade. info
التفاسير: