Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour

Lambar shafi:close

external-link copy
27 : 38

وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا بَٰطِلٗاۚ ذَٰلِكَ ظَنُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنَ ٱلنَّارِ

Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu jira. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 38

أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَٱلۡمُفۡسِدِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلۡمُتَّقِينَ كَٱلۡفُجَّارِ

Sila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa? info
التفاسير:

external-link copy
29 : 38

كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ إِلَيۡكَ مُبَٰرَكٞ لِّيَدَّبَّرُوٓاْ ءَايَٰتِهِۦ وَلِيَتَذَكَّرَ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ

(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuulee qaban ittiin gorfamuuf jecha. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 38

وَوَهَبۡنَا لِدَاوُۥدَ سُلَيۡمَٰنَۚ نِعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ

Daawuudiif Suleeymaaniin kennine. Gabricha akkam tole! Inni akkaan tawbataadha. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 38

إِذۡ عُرِضَ عَلَيۡهِ بِٱلۡعَشِيِّ ٱلصَّٰفِنَٰتُ ٱلۡجِيَادُ

Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu). info
التفاسير:

external-link copy
32 : 38

فَقَالَ إِنِّيٓ أَحۡبَبۡتُ حُبَّ ٱلۡخَيۡرِ عَن ذِكۡرِ رَبِّي حَتَّىٰ تَوَارَتۡ بِٱلۡحِجَابِ

Ni jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 38

رُدُّوهَا عَلَيَّۖ فَطَفِقَ مَسۡحَۢا بِٱلسُّوقِ وَٱلۡأَعۡنَاقِ

Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 38

وَلَقَدۡ فَتَنَّا سُلَيۡمَٰنَ وَأَلۡقَيۡنَا عَلَىٰ كُرۡسِيِّهِۦ جَسَدٗا ثُمَّ أَنَابَ

Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 38

قَالَ رَبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَهَبۡ لِي مُلۡكٗا لَّا يَنۢبَغِي لِأَحَدٖ مِّنۢ بَعۡدِيٓۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡوَهَّابُ

Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Dhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.” info
التفاسير:

external-link copy
36 : 38

فَسَخَّرۡنَا لَهُ ٱلرِّيحَ تَجۡرِي بِأَمۡرِهِۦ رُخَآءً حَيۡثُ أَصَابَ

Qilleensa isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 38

وَٱلشَّيَٰطِينَ كُلَّ بَنَّآءٖ وَغَوَّاصٖ

Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne). info
التفاسير:

external-link copy
38 : 38

وَءَاخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِي ٱلۡأَصۡفَادِ

Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne). info
التفاسير:

external-link copy
39 : 38

هَٰذَا عَطَآؤُنَا فَٱمۡنُنۡ أَوۡ أَمۡسِكۡ بِغَيۡرِ حِسَابٖ

“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen). info
التفاسير:

external-link copy
40 : 38

وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلۡفَىٰ وَحُسۡنَ مَـَٔابٖ

Dhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira. info
التفاسير:

external-link copy
41 : 38

وَٱذۡكُرۡ عَبۡدَنَآ أَيُّوبَ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَسَّنِيَ ٱلشَّيۡطَٰنُ بِنُصۡبٖ وَعَذَابٍ

Gabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe). info
التفاسير:

external-link copy
42 : 38

ٱرۡكُضۡ بِرِجۡلِكَۖ هَٰذَا مُغۡتَسَلُۢ بَارِدٞ وَشَرَابٞ

(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukuti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen). info
التفاسير: