《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。

页码:close

external-link copy
91 : 21

وَٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهَا مِن رُّوحِنَا وَجَعَلۡنَٰهَا وَٱبۡنَهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ

Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu). Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufne, Isheefi ilma ishees aalamootaaf mallattoo taasifne. info
التفاسير:

external-link copy
92 : 21

إِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَأَنَا۠ رَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُونِ

Isheen tun amantii keessan amantii tokkittiidha, Ani Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa. info
التفاسير:

external-link copy
93 : 21

وَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡۖ كُلٌّ إِلَيۡنَا رَٰجِعُونَ

Amantii isaanii keessatti jidduu isaaniitti adda qoodaman, Hunduu gara keenya deebi’oodha. info
التفاسير:

external-link copy
94 : 21

فَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَلَا كُفۡرَانَ لِسَعۡيِهِۦ وَإِنَّا لَهُۥ كَٰتِبُونَ

Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiru, Nuti isaaf galmeessaadha. info
التفاسير:

external-link copy
95 : 21

وَحَرَٰمٌ عَلَىٰ قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَآ أَنَّهُمۡ لَا يَرۡجِعُونَ

Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an. info
التفاسير:

external-link copy
96 : 21

حَتَّىٰٓ إِذَا فُتِحَتۡ يَأۡجُوجُ وَمَأۡجُوجُ وَهُم مِّن كُلِّ حَدَبٖ يَنسِلُونَ

Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamtee isaan tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu). info
التفاسير:

external-link copy
97 : 21

وَٱقۡتَرَبَ ٱلۡوَعۡدُ ٱلۡحَقُّ فَإِذَا هِيَ شَٰخِصَةٌ أَبۡصَٰرُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يَٰوَيۡلَنَا قَدۡ كُنَّا فِي غَفۡلَةٖ مِّنۡ هَٰذَا بَلۡ كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Waadaan dhugaa dhihaatee jira, Yeroo san ijjoowwan warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha, “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre (Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota taane" (jedhu). info
التفاسير:

external-link copy
98 : 21

إِنَّكُمۡ وَمَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ حَصَبُ جَهَنَّمَ أَنتُمۡ لَهَا وَٰرِدُونَ

Isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha. info
التفاسير:

external-link copy
99 : 21

لَوۡ كَانَ هَٰٓؤُلَآءِ ءَالِهَةٗ مَّا وَرَدُوهَاۖ وَكُلّٞ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan ture, Hundi isaanii ishee keessatti waaru (hafu). info
التفاسير:

external-link copy
100 : 21

لَهُمۡ فِيهَا زَفِيرٞ وَهُمۡ فِيهَا لَا يَسۡمَعُونَ

Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; isaan ishee keessatti hin dhaga’an. info
التفاسير:

external-link copy
101 : 21

إِنَّ ٱلَّذِينَ سَبَقَتۡ لَهُم مِّنَّا ٱلۡحُسۡنَىٰٓ أُوْلَٰٓئِكَ عَنۡهَا مُبۡعَدُونَ

Warra Nurraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha. info
التفاسير: