《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。

Al-Anbiyaa’i

external-link copy
1 : 21

ٱقۡتَرَبَ لِلنَّاسِ حِسَابُهُمۡ وَهُمۡ فِي غَفۡلَةٖ مُّعۡرِضُونَ

Namootaaf,qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira, odoo isaan daguu keessatti gara galanii. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 21

مَا يَأۡتِيهِم مِّن ذِكۡرٖ مِّن رَّبِّهِم مُّحۡدَثٍ إِلَّا ٱسۡتَمَعُوهُ وَهُمۡ يَلۡعَبُونَ

Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa isaanitti hin dhufu, kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 21

لَاهِيَةٗ قُلُوبُهُمۡۗ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّجۡوَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ هَلۡ هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡۖ أَفَتَأۡتُونَ ٱلسِّحۡرَ وَأَنتُمۡ تُبۡصِرُونَ

Onneewwan isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu), Miidhaa hojjattoonnis marii dhooyfatan,“Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu). info
التفاسير:

external-link copy
4 : 21

قَالَ رَبِّي يَعۡلَمُ ٱلۡقَوۡلَ فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ

(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beeka. Innis dhaga’aa, beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 21

بَلۡ قَالُوٓاْ أَضۡغَٰثُ أَحۡلَٰمِۭ بَلِ ٱفۡتَرَىٰهُ بَلۡ هُوَ شَاعِرٞ فَلۡيَأۡتِنَا بِـَٔايَةٖ كَمَآ أُرۡسِلَ ٱلۡأَوَّلُونَ

Isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadha, Lakkii! Soba inni of irraa uumee, Lakkii! Inni weellisaadha, (Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu” info
التفاسير:

external-link copy
6 : 21

مَآ ءَامَنَتۡ قَبۡلَهُم مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَآۖ أَفَهُمۡ يُؤۡمِنُونَ

Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen isaaniin duratti hin amanne; sila isaan ni amanuu? info
التفاسير:

external-link copy
7 : 21

وَمَآ أَرۡسَلۡنَا قَبۡلَكَ إِلَّا رِجَالٗا نُّوحِيٓ إِلَيۡهِمۡۖ فَسۡـَٔلُوٓاْ أَهۡلَ ٱلذِّكۡرِ إِن كُنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ

Si dura dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine, Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsaa gaafadhaa. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 21

وَمَا جَعَلۡنَٰهُمۡ جَسَدٗا لَّا يَأۡكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَمَا كَانُواْ خَٰلِدِينَ

Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) zalaalam jiraatanis hin taane info
التفاسير:

external-link copy
9 : 21

ثُمَّ صَدَقۡنَٰهُمُ ٱلۡوَعۡدَ فَأَنجَيۡنَٰهُمۡ وَمَن نَّشَآءُ وَأَهۡلَكۡنَا ٱلۡمُسۡرِفِينَ

Eegasii waadicha isaaniif dhugaa goonee, isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 21

لَقَدۡ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ كِتَٰبٗا فِيهِ ذِكۡرُكُمۡۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ

Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirra, Sila hin xiinxaltanuu? info
التفاسير: