Қуръони Карим маъноларининг таржимаси - Оромийча таржима - Ғолий Абобур

Ashuuraa

external-link copy
1 : 42

حمٓ

Haa Miim. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 42

عٓسٓقٓ

Ayn Siin Qaaf. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 42

كَذَٰلِكَ يُوحِيٓ إِلَيۡكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكَ ٱللَّهُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Akka kanaan gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha Rabbiin injifataa ogeessa ta’e. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 42

لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ

Wanti samiileefi wanti dachii keessaa hundi kan Isaati. Inni ol ta’aa, guddaadha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 42

تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرۡنَ مِن فَوۡقِهِنَّۚ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ يُسَبِّحُونَ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَيَسۡتَغۡفِرُونَ لِمَن فِي ٱلۡأَرۡضِۗ أَلَآ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ

Samiileen (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaatti. Maleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessu. warra dachii keessa jiruufis araarama kadhatu. Dhaga’aa! Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 42

وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ ٱللَّهُ حَفِيظٌ عَلَيۡهِمۡ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِوَكِيلٖ

Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ata. Ati isaan irratti itti gaafatamaa miti. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 42

وَكَذَٰلِكَ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ قُرۡءَانًا عَرَبِيّٗا لِّتُنذِرَ أُمَّ ٱلۡقُرَىٰ وَمَنۡ حَوۡلَهَا وَتُنذِرَ يَوۡمَ ٱلۡجَمۡعِ لَا رَيۡبَ فِيهِۚ فَرِيقٞ فِي ٱلۡجَنَّةِ وَفَرِيقٞ فِي ٱلسَّعِيرِ

Akka kanatti Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa goone Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa) fi waarra moggaa ishee sodaachiftuuf, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf. Gariin jannata keessa (seenu); gariin immoo ibidda keessa. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 42

وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَهُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن يُدۡخِلُ مَن يَشَآءُ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ وَٱلظَّٰلِمُونَ مَا لَهُم مِّن وَلِيّٖ وَلَا نَصِيرٍ

Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galcha. Miidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 42

أَمِ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَۖ فَٱللَّهُ هُوَ ٱلۡوَلِيُّ وَهُوَ يُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ

Moo Isaan ala gargaaraawwan taasifatu? Rabbiin Isumatu gargaaraadha. Isumatu du’aa jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 42

وَمَا ٱخۡتَلَفۡتُمۡ فِيهِ مِن شَيۡءٖ فَحُكۡمُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبِّي عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُ وَإِلَيۡهِ أُنِيبُ

Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti. Inni sun Allaahdha Gooftaa kiyya; Isa irratti irkadhe; garuma Isaattin deebi’a. info
التفاسير: