قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
48 : 9

لَقَدِ ٱبۡتَغَوُاْ ٱلۡفِتۡنَةَ مِن قَبۡلُ وَقَلَّبُواْ لَكَ ٱلۡأُمُورَ حَتَّىٰ جَآءَ ٱلۡحَقُّ وَظَهَرَ أَمۡرُ ٱللَّهِ وَهُمۡ كَٰرِهُونَ

isaan duraanis rakkoo barbaadanii dhimmoota siif gara gaggalchanii turan, hanga dhugaan dhufee murtiin Rabbii ifa ba’utti osomaa isaan jibbanuu. info
التفاسير:

external-link copy
49 : 9

وَمِنۡهُم مَّن يَقُولُ ٱئۡذَن لِّي وَلَا تَفۡتِنِّيٓۚ أَلَا فِي ٱلۡفِتۡنَةِ سَقَطُواْۗ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةُۢ بِٱلۡكَٰفِرِينَ

Isaan irraa nama “(hafuuf) naaf hayyami; nas hin qormaatin” jedhuutu jira, Dhagayaa! (isaan) qormaata keessatti kufaniiru. Dhugumatti Jahannam kaafirootatti marsituudha. info
التفاسير:

external-link copy
50 : 9

إِن تُصِبۡكَ حَسَنَةٞ تَسُؤۡهُمۡۖ وَإِن تُصِبۡكَ مُصِيبَةٞ يَقُولُواْ قَدۡ أَخَذۡنَآ أَمۡرَنَا مِن قَبۡلُ وَيَتَوَلَّواْ وَّهُمۡ فَرِحُونَ

Yoo toltuun si mudatte, isaan gaddisiifti, Yoo balaan si mudatte immoo “nuti dursinee of eeggannoo keenya qabannee jirra” jedhan; kan gammadan ta’anii duuba deebi’u. info
التفاسير:

external-link copy
51 : 9

قُل لَّن يُصِيبَنَآ إِلَّا مَا كَتَبَ ٱللَّهُ لَنَا هُوَ مَوۡلَىٰنَاۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ

“Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu. Inni tiksaa keenya” jedhi, Mu’uminoonni Rabbuma (qofa) irratti haa hirkatan. info
التفاسير:

external-link copy
52 : 9

قُلۡ هَلۡ تَرَبَّصُونَ بِنَآ إِلَّآ إِحۡدَى ٱلۡحُسۡنَيَيۡنِۖ وَنَحۡنُ نَتَرَبَّصُ بِكُمۡ أَن يُصِيبَكُمُ ٱللَّهُ بِعَذَابٖ مِّنۡ عِندِهِۦٓ أَوۡ بِأَيۡدِينَاۖ فَتَرَبَّصُوٓاْ إِنَّا مَعَكُم مُّتَرَبِّصُونَ

Jedhiin “Sila tokkoo toltuu lamaanii malee waan biraa nutti eegduu? Nuti Rabbiin adabbii Isa biraa ta’een yookiin harkoowwan keenyaan isin tuquu eegna. Isinis eegaa; nutis isin wajjiin eegoodha” (jedhi). info
التفاسير:

external-link copy
53 : 9

قُلۡ أَنفِقُواْ طَوۡعًا أَوۡ كَرۡهٗا لَّن يُتَقَبَّلَ مِنكُمۡ إِنَّكُمۡ كُنتُمۡ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ

“Kan jaallattanis ta’aatii yookiin kan jibbitan ta’aa arjoomaa; isin irraa hin qeebalamu, Dhugumatti, isin ummata finciltoota turtan” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
54 : 9

وَمَا مَنَعَهُمۡ أَن تُقۡبَلَ مِنۡهُمۡ نَفَقَٰتُهُمۡ إِلَّآ أَنَّهُمۡ كَفَرُواْ بِٱللَّهِ وَبِرَسُولِهِۦ وَلَا يَأۡتُونَ ٱلصَّلَوٰةَ إِلَّا وَهُمۡ كُسَالَىٰ وَلَا يُنفِقُونَ إِلَّا وَهُمۡ كَٰرِهُونَ

wanti sadaqaan isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru Rabbiifi ergamaa isaatti kafaruu,isaanii malee, (akkasuma) salaata hifatoo ta’anii malee kan hin dhufneefi, kan jibban ta’anii malee arjoomuu dhabuu (isaanii malee). . info
التفاسير: