قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
14 : 72

وَأَنَّا مِنَّا ٱلۡمُسۡلِمُونَ وَمِنَّا ٱلۡقَٰسِطُونَۖ فَمَنۡ أَسۡلَمَ فَأُوْلَٰٓئِكَ تَحَرَّوۡاْ رَشَدٗا

Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamaye warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 72

وَأَمَّا ٱلۡقَٰسِطُونَ فَكَانُواْ لِجَهَنَّمَ حَطَبٗا

Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.” info
التفاسير:

external-link copy
16 : 72

وَأَلَّوِ ٱسۡتَقَٰمُواْ عَلَى ٱلطَّرِيقَةِ لَأَسۡقَيۡنَٰهُم مَّآءً غَدَقٗا

Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 72

لِّنَفۡتِنَهُمۡ فِيهِۚ وَمَن يُعۡرِضۡ عَن ذِكۡرِ رَبِّهِۦ يَسۡلُكۡهُ عَذَابٗا صَعَدٗا

Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture). Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 72

وَأَنَّ ٱلۡمَسَٰجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدۡعُواْ مَعَ ٱللَّهِ أَحَدٗا

Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 72

وَأَنَّهُۥ لَمَّا قَامَ عَبۡدُ ٱللَّهِ يَدۡعُوهُ كَادُواْ يَكُونُونَ عَلَيۡهِ لِبَدٗا

Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 72

قُلۡ إِنَّمَآ أَدۡعُواْ رَبِّي وَلَآ أُشۡرِكُ بِهِۦٓ أَحَدٗا

(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu." info
التفاسير:

external-link copy
21 : 72

قُلۡ إِنِّي لَآ أَمۡلِكُ لَكُمۡ ضَرّٗا وَلَا رَشَدٗا

Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u." info
التفاسير:

external-link copy
22 : 72

قُلۡ إِنِّي لَن يُجِيرَنِي مِنَ ٱللَّهِ أَحَدٞ وَلَنۡ أَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدًا

Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsu. Isa malees hirkoo hin argadhu. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 72

إِلَّا بَلَٰغٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِسَٰلَٰتِهِۦۚ وَمَن يَعۡصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَإِنَّ لَهُۥ نَارَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا

Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u). Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan zalaalam ishee keessatti hafutu isaaf jira. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 72

حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ أَضۡعَفُ نَاصِرٗا وَأَقَلُّ عَدَدٗا

Hanga waan ittiin sodaachifaman arganitti namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 72

قُلۡ إِنۡ أَدۡرِيٓ أَقَرِيبٞ مَّا تُوعَدُونَ أَمۡ يَجۡعَلُ لَهُۥ رَبِّيٓ أَمَدًا

“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 72

عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ فَلَا يُظۡهِرُ عَلَىٰ غَيۡبِهِۦٓ أَحَدًا

(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 72

إِلَّا مَنِ ٱرۡتَضَىٰ مِن رَّسُولٖ فَإِنَّهُۥ يَسۡلُكُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦ رَصَدٗا

Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu) Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 72

لِّيَعۡلَمَ أَن قَدۡ أَبۡلَغُواْ رِسَٰلَٰتِ رَبِّهِمۡ وَأَحَاطَ بِمَا لَدَيۡهِمۡ وَأَحۡصَىٰ كُلَّ شَيۡءٍ عَدَدَۢا

Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e) waan isaan bira jiru hundatti marsee waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabe (beeke) ‘ info
التفاسير: