قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
7 : 51

وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ

Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 51

إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٖ مُّخۡتَلِفٖ

Isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 51

يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ

  Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 51

قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ

Sobdoonni abaaramaniiru. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 51

ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٖ سَاهُونَ

Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 51

يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ

“Guyyaan galataa yoomi?” (jechuun) gaafatu. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 51

يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ

(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha). info
التفاسير:

external-link copy
14 : 51

ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ

“Adaba keessan dhandhamaa, kun ka isa jarjarsiifachaa turtani ” (isaaniin jedhama). info
التفاسير:

external-link copy
15 : 51

إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ

Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 51

ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ

Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhatoodha, Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 51

كَانُواْ قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ

Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 51

وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ

Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhatan. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 51

وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ

qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jira. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 51

وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٞ لِّلۡمُوقِنِينَ

Dachii keessa mu'imintootaaf mallattooleetu jiru. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 51

وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ

Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu? info
التفاسير:

external-link copy
22 : 51

وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ

Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 51

فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقّٞ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ

Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 51

هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ

Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa? info
التفاسير:

external-link copy
25 : 51

إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ

Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 51

فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٖ سَمِينٖ

Gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 51

فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ

Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 51

فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ

Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 51

فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٖ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٞ

Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 51

قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ

(Maleykonni) ni jedhan: akka kana Rabbiin kee jedhe inni isaatu ogeessa beekaadha. info
التفاسير: