قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر

بەت نومۇرى:close

external-link copy
88 : 20

فَأَخۡرَجَ لَهُمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٞ فَقَالُواْ هَٰذَآ إِلَٰهُكُمۡ وَإِلَٰهُ مُوسَىٰ فَنَسِيَ

Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
89 : 20

أَفَلَا يَرَوۡنَ أَلَّا يَرۡجِعُ إِلَيۡهِمۡ قَوۡلٗا وَلَا يَمۡلِكُ لَهُمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا

Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii? info
التفاسير:

external-link copy
90 : 20

وَلَقَدۡ قَالَ لَهُمۡ هَٰرُونُ مِن قَبۡلُ يَٰقَوۡمِ إِنَّمَا فُتِنتُم بِهِۦۖ وَإِنَّ رَبَّكُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَٱتَّبِعُونِي وَأَطِيعُوٓاْ أَمۡرِي

Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa” info
التفاسير:

external-link copy
91 : 20

قَالُواْ لَن نَّبۡرَحَ عَلَيۡهِ عَٰكِفِينَ حَتَّىٰ يَرۡجِعَ إِلَيۡنَا مُوسَىٰ

[Isaan] “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
92 : 20

قَالَ يَٰهَٰرُونُ مَا مَنَعَكَ إِذۡ رَأَيۡتَهُمۡ ضَلُّوٓاْ

(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge? info
التفاسير:

external-link copy
93 : 20

أَلَّا تَتَّبِعَنِۖ أَفَعَصَيۡتَ أَمۡرِي

Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?” info
التفاسير:

external-link copy
94 : 20

قَالَ يَبۡنَؤُمَّ لَا تَأۡخُذۡ بِلِحۡيَتِي وَلَا بِرَأۡسِيٓۖ إِنِّي خَشِيتُ أَن تَقُولَ فَرَّقۡتَ بَيۡنَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَمۡ تَرۡقُبۡ قَوۡلِي

(Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma harmee tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”. info
التفاسير:

external-link copy
95 : 20

قَالَ فَمَا خَطۡبُكَ يَٰسَٰمِرِيُّ

(Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?” info
التفاسير:

external-link copy
96 : 20

قَالَ بَصُرۡتُ بِمَا لَمۡ يَبۡصُرُواْ بِهِۦ فَقَبَضۡتُ قَبۡضَةٗ مِّنۡ أَثَرِ ٱلرَّسُولِ فَنَبَذۡتُهَا وَكَذَٰلِكَ سَوَّلَتۡ لِي نَفۡسِي

(Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”. info
التفاسير:

external-link copy
97 : 20

قَالَ فَٱذۡهَبۡ فَإِنَّ لَكَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ أَن تَقُولَ لَا مِسَاسَۖ وَإِنَّ لَكَ مَوۡعِدٗا لَّن تُخۡلَفَهُۥۖ وَٱنظُرۡ إِلَىٰٓ إِلَٰهِكَ ٱلَّذِي ظَلۡتَ عَلَيۡهِ عَاكِفٗاۖ لَّنُحَرِّقَنَّهُۥ ثُمَّ لَنَنسِفَنَّهُۥ فِي ٱلۡيَمِّ نَسۡفًا

(Muusaanis) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.” info
التفاسير:

external-link copy
98 : 20

إِنَّمَآ إِلَٰهُكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَسِعَ كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمٗا

Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera. info
التفاسير: