Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Oromca Tercüme - Gali Ebabur

Sayfa numarası:close

external-link copy
31 : 33

۞ وَمَن يَقۡنُتۡ مِنكُنَّ لِلَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتَعۡمَلۡ صَٰلِحٗا نُّؤۡتِهَآ أَجۡرَهَا مَرَّتَيۡنِ وَأَعۡتَدۡنَا لَهَا رِزۡقٗا كَرِيمٗا

Isin irraa isheen Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamtee toltuu hojjatte, mindaa ishee yeroo lama isheef kennina. soorata gaariis (jennatas) isheedhaaf qopheessine info
التفاسير:

external-link copy
32 : 33

يَٰنِسَآءَ ٱلنَّبِيِّ لَسۡتُنَّ كَأَحَدٖ مِّنَ ٱلنِّسَآءِ إِنِ ٱتَّقَيۡتُنَّۚ فَلَا تَخۡضَعۡنَ بِٱلۡقَوۡلِ فَيَطۡمَعَ ٱلَّذِي فِي قَلۡبِهِۦ مَرَضٞ وَقُلۡنَ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا

Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka dubartii biraa tokkolleetii miti. yoo Rabbiin sodaattan, jecha keessan hin laaffisinaa; Akka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, jecha bareedaa dubbadhaa. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 33

وَقَرۡنَ فِي بُيُوتِكُنَّ وَلَا تَبَرَّجۡنَ تَبَرُّجَ ٱلۡجَٰهِلِيَّةِ ٱلۡأُولَىٰۖ وَأَقِمۡنَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتِينَ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَطِعۡنَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓۚ إِنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيُذۡهِبَ عَنكُمُ ٱلرِّجۡسَ أَهۡلَ ٱلۡبَيۡتِ وَيُطَهِّرَكُمۡ تَطۡهِيرٗا

Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriitti miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa,Yaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu dha. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 33

وَٱذۡكُرۡنَ مَا يُتۡلَىٰ فِي بُيُوتِكُنَّ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ وَٱلۡحِكۡمَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ لَطِيفًا خَبِيرًا

Keeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa). Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera info
التفاسير:

external-link copy
35 : 33

إِنَّ ٱلۡمُسۡلِمِينَ وَٱلۡمُسۡلِمَٰتِ وَٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡقَٰنِتِينَ وَٱلۡقَٰنِتَٰتِ وَٱلصَّٰدِقِينَ وَٱلصَّٰدِقَٰتِ وَٱلصَّٰبِرِينَ وَٱلصَّٰبِرَٰتِ وَٱلۡخَٰشِعِينَ وَٱلۡخَٰشِعَٰتِ وَٱلۡمُتَصَدِّقِينَ وَٱلۡمُتَصَدِّقَٰتِ وَٱلصَّٰٓئِمِينَ وَٱلصَّٰٓئِمَٰتِ وَٱلۡحَٰفِظِينَ فُرُوجَهُمۡ وَٱلۡحَٰفِظَٰتِ وَٱلذَّٰكِرِينَ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱلذَّٰكِرَٰتِ أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُم مَّغۡفِرَةٗ وَأَجۡرًا عَظِيمٗا

Dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera. info
التفاسير: