Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Oromca Tercüme - Gali Ebabur

Sayfa numarası:close

external-link copy
64 : 27

أَمَّن يَبۡدَؤُاْ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥ وَمَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۗ أَءِلَٰهٞ مَّعَ ٱللَّهِۚ قُلۡ هَاتُواْ بُرۡهَٰنَكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

Sila inni uumuu jalqabee ergasii isa deebisu eenyu? Ammas eenyutu dechiifi samii irraa hiree isiniif hira? Sila gabbaramaan biraa Allaah wajjin ni jiraa? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
65 : 27

قُل لَّا يَعۡلَمُ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ ٱلۡغَيۡبَ إِلَّا ٱللَّهُۚ وَمَا يَشۡعُرُونَ أَيَّانَ يُبۡعَثُونَ

“Wanti samiileefi dachii keessaa hunduu Rabbiin malee wanta fagoo (ghaybii) hin beeku. Yoom akka kaafaman hin beekanu” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
66 : 27

بَلِ ٱدَّٰرَكَ عِلۡمُهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ مِّنۡهَاۖ بَلۡ هُم مِّنۡهَا عَمُونَ

Sila beekumsa isaaniitu waa’ee Aakhiraatti dhaqqabee? Lakkisaa isaan ishee irraa shakkii keessa jiru; dhugumatti isaan ishee irraa jaamoodha. info
التفاسير:

external-link copy
67 : 27

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَءِذَا كُنَّا تُرَٰبٗا وَءَابَآؤُنَآ أَئِنَّا لَمُخۡرَجُونَ

Isaan kafaran ni jedhan: “Sila yeroo [duunee] biyyee taane, nuufi abbootiin keenya, nuti kaafamoodhaa? info
التفاسير:

external-link copy
68 : 27

لَقَدۡ وُعِدۡنَا هَٰذَا نَحۡنُ وَءَابَآؤُنَا مِن قَبۡلُ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ

Dhugumatti, nuufi abbootiin keenya nuun duratti kana waadaa galamnee turre. kun ogbarruu warra durii malee hin taane” [jedhan]. info
التفاسير:

external-link copy
69 : 27

قُلۡ سِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ

“Dachii keessa deemaatii booddeen badii raawwattootaa akkam akka ta’e ilaalaa” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
70 : 27

وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَلَا تَكُن فِي ضَيۡقٖ مِّمَّا يَمۡكُرُونَ

Isaan irratti hin gaddin, shira isaan baasanirraa dhiphina keessatti hin ta’in. info
التفاسير:

external-link copy
71 : 27

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

“Waadaan kun yoomi Yoo warra dhugaa taatan?” jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
72 : 27

قُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ رَدِفَ لَكُم بَعۡضُ ٱلَّذِي تَسۡتَعۡجِلُونَ

“Gariin wanta isin ariifachiifattanii kan isinitti dhihaate ta’uun dhugaadha” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
73 : 27

وَإِنَّ رَبَّكَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَشۡكُرُونَ

Dhugumatti, Rabbiin kee namoota irratti abbaa tola guddaati, Garuu irra hedduun isaanii hin galateeffatan. info
التفاسير:

external-link copy
74 : 27

وَإِنَّ رَبَّكَ لَيَعۡلَمُ مَا تُكِنُّ صُدُورُهُمۡ وَمَا يُعۡلِنُونَ

Dhugumatti, Rabbiin kee waan qomoonni isaanii dhoksiteefi waan isaan ifatti mul’isan ni beeka. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 27

وَمَا مِنۡ غَآئِبَةٖ فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِلَّا فِي كِتَٰبٖ مُّبِينٍ

Wanti fagoon samiifi dechii keessaa kamiyyuu, kitaaba ifa galaa keessa jiraatu malee hin hintaane. info
التفاسير:

external-link copy
76 : 27

إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَكۡثَرَ ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ

Dhugumatti, Qur’aanni kun Ilmaan Israa’iil irratti irra hedduu waan isaan isa keessatti wal dhabanii isaaniif odeessa. info
التفاسير: