ශුද්ධවූ අල් කුර්ආන් අර්ථ කථනය - ඔරොමියානු පරිවර්තනය - ගාලී අබාබූර්

Alqiyaamaa

external-link copy
1 : 75

لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ

Miti Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 75

وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ

Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu). info
التفاسير:

external-link copy
3 : 75

أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ

Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? info
التفاسير:

external-link copy
4 : 75

بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ

Eeyyeen (walitti ni qabna) (Nuti) qubbeen isaatuu (akka turanitti deebifnee) sirreessuu irratti danda'oodha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 75

بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ

Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 75

يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ

"Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 75

فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ

(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 75

وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ

(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u) info
التفاسير:

external-link copy
9 : 75

وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ

Aduufi jiinis walitti qabamu. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 75

يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ

Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 75

كَلَّا لَا وَزَرَ

Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 75

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ

Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 75

يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ

Namni guyyaa san wanti inni durseefii booda aanse itti himama. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 75

بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ

Dhugumatti, namni lubbuu isaa irratti ragaadha. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 75

وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ

Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 75

لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ

Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 75

إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ

Isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 75

فَإِذَا قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ

Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 75

ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ

Ergasii isa ibsuun Nurra jira. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 75

كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ

Miti isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 75

وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ

Aakhiraa ni dhiiftu. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 75

وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ

Fuulleen gariin Guyyaa san iftuudha. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 75

إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ

Gara Gooftaa ishee ilaaltuudha. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 75

وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٞ

Fuulli gariin Guyyaa san akkaan suntuurtuudha. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 75

تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ

Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 75

كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ

Miti Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee geesse, info
التفاسير:

external-link copy
27 : 75

وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ

(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame, info
التفاسير:

external-link copy
28 : 75

وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ

(Namni du'aa jiru sun) inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate; info
التفاسير:

external-link copy
29 : 75

وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ

(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 75

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ

Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 75

فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ

Hin amanne; hin salaanne. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 75

وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ

Garuu kijibsiisee irraa gara gale. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 75

ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ

Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 75

أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ

Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin! info
التفاسير:

external-link copy
35 : 75

ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ

Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin! info
التفاسير:

external-link copy
36 : 75

أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى

Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa? info
التفاسير:

external-link copy
37 : 75

أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ

Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree? info
التفاسير:

external-link copy
38 : 75

ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ

Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute. info
التفاسير:

external-link copy
39 : 75

فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ

Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise. info
التفاسير:

external-link copy
40 : 75

أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ

Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii? info
التفاسير: