Ibisobanuro bya qoran ntagatifu - Ibisobanuro bya Qur'an Ntagatifu mu rurimi rw'iki Oromo - Ghaly Ababour.

numero y'urupapuro:close

external-link copy
59 : 40

إِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞ لَّا رَيۡبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ

Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu. info
التفاسير:

external-link copy
60 : 40

وَقَالَ رَبُّكُمُ ٱدۡعُونِيٓ أَسۡتَجِبۡ لَكُمۡۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِي سَيَدۡخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ

Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii tiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.” info
التفاسير:

external-link copy
61 : 40

ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ

Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo garsiisaa (ibsaa) kan isiniif godhe. Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaati. Garuu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu. info
التفاسير:

external-link copy
62 : 40

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُؤۡفَكُونَ

(Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumoo waan hundaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Akkamitti irraa gara galfamtan? info
التفاسير:

external-link copy
63 : 40

كَذَٰلِكَ يُؤۡفَكُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ يَجۡحَدُونَ

Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu. info
التفاسير:

external-link copy
64 : 40

ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ قَرَارٗا وَٱلسَّمَآءَ بِنَآءٗ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡ وَرَزَقَكُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Rabbiin Isa dachii (jireenyaaf) mijooftuu, samiilee immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan bareeche, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne (Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani. Allaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e barakaan Isaa guddate. info
التفاسير:

external-link copy
65 : 40

هُوَ ٱلۡحَيُّ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱدۡعُوهُ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَۗ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Inni jiraataadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Amantii Isaaf qulqulleessaa Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti. info
التفاسير:

external-link copy
66 : 40

۞ قُلۡ إِنِّي نُهِيتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَمَّا جَآءَنِيَ ٱلۡبَيِّنَٰتُ مِن رَّبِّي وَأُمِرۡتُ أَنۡ أُسۡلِمَ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Jedhi “Ani wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameera erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda. Gooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” (jedhi). info
التفاسير: