Ibisobanuro bya qoran ntagatifu - Ibisobanuro bya Qur'an Ntagatifu mu rurimi rw'iki Oromo - Ghaly Ababour.

numero y'urupapuro:close

external-link copy
43 : 14

مُهۡطِعِينَ مُقۡنِعِي رُءُوسِهِمۡ لَا يَرۡتَدُّ إِلَيۡهِمۡ طَرۡفُهُمۡۖ وَأَفۡـِٔدَتُهُمۡ هَوَآءٞ

(Gara waamichaatti) daddafoodha, mataalee isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati), Ijji isaanii gara isaaniitti hin deebi'u, Qalbiileen isaaniis duwwaadha. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 14

وَأَنذِرِ ٱلنَّاسَ يَوۡمَ يَأۡتِيهِمُ ٱلۡعَذَابُ فَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ رَبَّنَآ أَخِّرۡنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٖ قَرِيبٖ نُّجِبۡ دَعۡوَتَكَ وَنَتَّبِعِ ٱلرُّسُلَۗ أَوَلَمۡ تَكُونُوٓاْ أَقۡسَمۡتُم مِّن قَبۡلُ مَا لَكُم مِّن زَوَالٖ

Ilma namaa akeekkachiis guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan nijedhan “Gooftaa keenya! hanga beellama dhihootti booda nu aansi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna”. (isaaniin jedhama) “Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi isiniif hinjirurratti kakachaa hin turree? info
التفاسير:

external-link copy
45 : 14

وَسَكَنتُمۡ فِي مَسَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَتَبَيَّنَ لَكُمۡ كَيۡفَ فَعَلۡنَا بِهِمۡ وَضَرَبۡنَا لَكُمُ ٱلۡأَمۡثَالَ

Manneen warra lubbuulee isaanii miidhanii keessa jiraattan. Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eera. Fakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan). info
التفاسير:

external-link copy
46 : 14

وَقَدۡ مَكَرُواْ مَكۡرَهُمۡ وَعِندَ ٱللَّهِ مَكۡرُهُمۡ وَإِن كَانَ مَكۡرُهُمۡ لِتَزُولَ مِنۡهُ ٱلۡجِبَالُ

(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiru. Malli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jira. Tooftaan isaanii kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti. info
التفاسير:

external-link copy
47 : 14

فَلَا تَحۡسَبَنَّ ٱللَّهَ مُخۡلِفَ وَعۡدِهِۦ رُسُلَهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٞ ذُو ٱنتِقَامٖ

Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadin. Dhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati. info
التفاسير:

external-link copy
48 : 14

يَوۡمَ تُبَدَّلُ ٱلۡأَرۡضُ غَيۡرَ ٱلۡأَرۡضِ وَٱلسَّمَٰوَٰتُۖ وَبَرَزُواْ لِلَّهِ ٱلۡوَٰحِدِ ٱلۡقَهَّارِ

Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiileenis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu]. info
التفاسير:

external-link copy
49 : 14

وَتَرَى ٱلۡمُجۡرِمِينَ يَوۡمَئِذٖ مُّقَرَّنِينَ فِي ٱلۡأَصۡفَادِ

Guyyaa san badii hojjattoota sakaallaalee keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita. info
التفاسير:

external-link copy
50 : 14

سَرَابِيلُهُم مِّن قَطِرَانٖ وَتَغۡشَىٰ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ

Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyi. Ibiddi fuula isaanii ni haguugdi. info
التفاسير:

external-link copy
51 : 14

لِيَجۡزِيَ ٱللَّهُ كُلَّ نَفۡسٖ مَّا كَسَبَتۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ

Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe). Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha. info
التفاسير:

external-link copy
52 : 14

هَٰذَا بَلَٰغٞ لِّلنَّاسِ وَلِيُنذَرُواْ بِهِۦ وَلِيَعۡلَمُوٓاْ أَنَّمَا هُوَ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞ وَلِيَذَّكَّرَ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ

(Qur’aanni) kun ergaa gayaa ilma namaati, akka ittiin akeekkachiifamanuuf, Inni (Rabbiin) gabbaramaa haqaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif. info
التفاسير: