Tradução dos significados do Nobre Qur’an. - Tradução Oromo - Gali Ababur

Almunaafiquun

external-link copy
1 : 63

إِذَا جَآءَكَ ٱلۡمُنَٰفِقُونَ قَالُواْ نَشۡهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُۥ وَٱللَّهُ يَشۡهَدُ إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ لَكَٰذِبُونَ

Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Dhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 63

ٱتَّخَذُوٓاْ أَيۡمَٰنَهُمۡ جُنَّةٗ فَصَدُّواْ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِۚ إِنَّهُمۡ سَآءَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ

Kakuulee isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaan wanti isaan dalagaa turan fokkate. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 63

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ ءَامَنُواْ ثُمَّ كَفَرُواْ فَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ فَهُمۡ لَا يَفۡقَهُونَ

Kun sababa isaan amananii ergasii kafaraniifi, onneewwan isaanii irratti cufame, isaan hin hubatan. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 63

۞ وَإِذَا رَأَيۡتَهُمۡ تُعۡجِبُكَ أَجۡسَامُهُمۡۖ وَإِن يَقُولُواْ تَسۡمَعۡ لِقَوۡلِهِمۡۖ كَأَنَّهُمۡ خُشُبٞ مُّسَنَّدَةٞۖ يَحۡسَبُونَ كُلَّ صَيۡحَةٍ عَلَيۡهِمۡۚ هُمُ ٱلۡعَدُوُّ فَٱحۡذَرۡهُمۡۚ قَٰتَلَهُمُ ٱللَّهُۖ أَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ

Yeroo isaan argite qaamoleen isaanii si dinqisiifti. Yoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffata. Isaan akka mukkeen hirkifameeti. Iyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaadu. Isaanumatu diinota; kanaafuu isaan eeggadhu. Rabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'u! info
التفاسير:

external-link copy
5 : 63

وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ تَعَالَوۡاْ يَسۡتَغۡفِرۡ لَكُمۡ رَسُولُ ٱللَّهِ لَوَّوۡاْ رُءُوسَهُمۡ وَرَأَيۡتَهُمۡ يَصُدُّونَ وَهُم مُّسۡتَكۡبِرُونَ

Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama isiniif haa barbaadu" isaaniin jedhame mataalee isaanii naannessu, Kan isaan boonaa gara galan ni argita. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 63

سَوَآءٌ عَلَيۡهِمۡ أَسۡتَغۡفَرۡتَ لَهُمۡ أَمۡ لَمۡ تَسۡتَغۡفِرۡ لَهُمۡ لَن يَغۡفِرَ ٱللَّهُ لَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡفَٰسِقِينَ

Araarama isaanii barbaaddus isaanii barbaaduu dhiiftus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramu. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 63

هُمُ ٱلَّذِينَ يَقُولُونَ لَا تُنفِقُواْ عَلَىٰ مَنۡ عِندَ رَسُولِ ٱللَّهِ حَتَّىٰ يَنفَضُّواْۗ وَلِلَّهِ خَزَآئِنُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَٰكِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ لَا يَفۡقَهُونَ

Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranu isaan irratti hin arjoominaa hanga isaan faffaca'anutti " jedhanuudha. Kuusaaleen samiileefi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 63

يَقُولُونَ لَئِن رَّجَعۡنَآ إِلَى ٱلۡمَدِينَةِ لَيُخۡرِجَنَّ ٱلۡأَعَزُّ مِنۡهَا ٱلۡأَذَلَّۚ وَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِۦ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَلَٰكِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ لَا يَعۡلَمُونَ

Nijedhan "Yoo gara Madiinaa deebine, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jira". Injifannoon kan Rabbiiti, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekan. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 63

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُلۡهِكُمۡ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَلَآ أَوۡلَٰدُكُمۡ عَن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ

Yaa warra amantan! Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin, Namni kana dalage isaan isaanumatu hoonga'oota. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 63

وَأَنفِقُواْ مِن مَّا رَزَقۡنَٰكُم مِّن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَ أَحَدَكُمُ ٱلۡمَوۡتُ فَيَقُولَ رَبِّ لَوۡلَآ أَخَّرۡتَنِيٓ إِلَىٰٓ أَجَلٖ قَرِيبٖ فَأَصَّدَّقَ وَأَكُن مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo tokkoon keessan duuti itti dhuftee hinjenneen dura. "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a" info
التفاسير:

external-link copy
11 : 63

وَلَن يُؤَخِّرَ ٱللَّهُ نَفۡسًا إِذَا جَآءَ أَجَلُهَاۚ وَٱللَّهُ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ

Rabbiin lubbuu tokko yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisu. Rabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti. info
التفاسير: