د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور

د مخ نمبر:close

external-link copy
55 : 16

لِيَكۡفُرُواْ بِمَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡۚ فَتَمَتَّعُواْ فَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ

Waan Nuti isaaniif kenninetti kafaruuf (Isatti qindeessu). Qanani’aa; fuula dura (waan isin mudatu) ni beektuu. info
التفاسير:

external-link copy
56 : 16

وَيَجۡعَلُونَ لِمَا لَا يَعۡلَمُونَ نَصِيبٗا مِّمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡۗ تَٱللَّهِ لَتُسۡـَٔلُنَّ عَمَّا كُنتُمۡ تَفۡتَرُونَ

Waan Nuti isaaniif kennine irraa waan hin beekneef qooda taasisu. Rabbitti kakadhee! waan (sobaan) odeessaa turtan irraa ni gaafatamtu. info
التفاسير:

external-link copy
57 : 16

وَيَجۡعَلُونَ لِلَّهِ ٱلۡبَنَٰتِ سُبۡحَٰنَهُۥ وَلَهُم مَّا يَشۡتَهُونَ

(Maleykaa irraa) Rabbiif shamarran taasisu. Qulqullina isaa (qulqullaa’e), Isaaniif immoo waan fedhan (dhiirota) taasisu. info
التفاسير:

external-link copy
58 : 16

وَإِذَا بُشِّرَ أَحَدُهُم بِٱلۡأُنثَىٰ ظَلَّ وَجۡهُهُۥ مُسۡوَدّٗا وَهُوَ كَظِيمٞ

Tokkoon isaanii yeroo dubaraan gammachiifame,fuulli isaa gurraacha ta’a, haala gaddaan kan guutame ta’een . info
التفاسير:

external-link copy
59 : 16

يَتَوَٰرَىٰ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ مِن سُوٓءِ مَا بُشِّرَ بِهِۦٓۚ أَيُمۡسِكُهُۥ عَلَىٰ هُونٍ أَمۡ يَدُسُّهُۥ فِي ٱلتُّرَابِۗ أَلَا سَآءَ مَا يَحۡكُمُونَ

Namoota irraa dhokata Fokkina waan ittiin gammachiifamee irraa “Sila salphina irratti ishee qabata moo? biyyee keessatti ishee awwaala?” (jechuun kan dhama’e ta’ee). Dhagahaa! Wanti isaan murteessan waa fokkate! info
التفاسير:

external-link copy
60 : 16

لِلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ مَثَلُ ٱلسَّوۡءِۖ وَلِلَّهِ ٱلۡمَثَلُ ٱلۡأَعۡلَىٰۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Isaan Aakhiraatti hin amanneef fakkii fokkataatu jira. Rabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jira. Inni injifataa, ogeessa. info
التفاسير:

external-link copy
61 : 16

وَلَوۡ يُؤَاخِذُ ٱللَّهُ ٱلنَّاسَ بِظُلۡمِهِم مَّا تَرَكَ عَلَيۡهَا مِن دَآبَّةٖ وَلَٰكِن يُؤَخِّرُهُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗىۖ فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمۡ لَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ سَاعَةٗ وَلَا يَسۡتَقۡدِمُونَ

Odoo Rabbiin namoota miidhaa isaaniitiin qabee, silaa dugda ishee (dachii) irratti lubbuu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga beellama murtaa’eetti isaan tursiisa. Yeroo beellamni isaanii ga’e, sa’aatii tokkollee hin tursiifamanu; duras hin bu’anu. info
التفاسير:

external-link copy
62 : 16

وَيَجۡعَلُونَ لِلَّهِ مَا يَكۡرَهُونَۚ وَتَصِفُ أَلۡسِنَتُهُمُ ٱلۡكَذِبَ أَنَّ لَهُمُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ لَا جَرَمَ أَنَّ لَهُمُ ٱلنَّارَ وَأَنَّهُم مُّفۡرَطُونَ

Waan ofii jibban Rabbiif taasisu Arraboonni isaanii kijiba dubbatti,“Toltuun (Jannanni) isaaniifi” (jechuun).akka Ibiddi isaaniif ta’e shakkiin hin jiru. isaan (gara ishee) jalqaba oofamoodha. info
التفاسير:

external-link copy
63 : 16

تَٱللَّهِ لَقَدۡ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰٓ أُمَمٖ مِّن قَبۡلِكَ فَزَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ أَعۡمَٰلَهُمۡ فَهُوَ وَلِيُّهُمُ ٱلۡيَوۡمَ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ

Rabbitti kakadhee! Dhugumatti, Nuti gara ummatoota si duraa (ergamtoota) erginee jirra. Sheyxaanni dalagaalee isaanii isaaniif miidhagsee jira. Inni (sheyxaanni) har’a jaalallee (gargaaraa) isaaniiti. Isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira. info
التفاسير:

external-link copy
64 : 16

وَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ إِلَّا لِتُبَيِّنَ لَهُمُ ٱلَّذِي ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ

Nuti kitaaba sirratti hin buufne akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsituuf malee. (inni) qajeelumaafi rahmata ummata amananiif. info
التفاسير: