د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور

د مخ نمبر:close

external-link copy
15 : 16

وَأَلۡقَىٰ فِي ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِيَ أَن تَمِيدَ بِكُمۡ وَأَنۡهَٰرٗا وَسُبُلٗا لَّعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ

Gaarreen akka isiniin hin sochooneef dachii keessatti godhe. Laggeeniifi karaalees akka qajeeltaniif (godhe). info
التفاسير:

external-link copy
16 : 16

وَعَلَٰمَٰتٖۚ وَبِٱلنَّجۡمِ هُمۡ يَهۡتَدُونَ

Mallattoolees (isiniif godhe). Urjiidhaan isaan (karaa) qajeelu. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 16

أَفَمَن يَخۡلُقُ كَمَن لَّا يَخۡلُقُۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ

Sila Inni (waan hunda) uumu akka isa (waan tokkos) hin uumneetii? Sila isin hin gorfamtanuu? info
التفاسير:

external-link copy
18 : 16

وَإِن تَعُدُّواْ نِعۡمَةَ ٱللَّهِ لَا تُحۡصُوهَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ

Tola Rabbii yoo lakkooftan ishee waliin gahuu hin dandeessanu. Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 16

وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تُسِرُّونَ وَمَا تُعۡلِنُونَ

Rabbiin waan isin gadi qabattaniifi waan ol qabattanis ni beeka. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 16

وَٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَا يَخۡلُقُونَ شَيۡـٔٗا وَهُمۡ يُخۡلَقُونَ

Warri isaan Rabbii gaditti gabbaranu homaa hin uumanu. Isaanumtuu ni uumamu. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 16

أَمۡوَٰتٌ غَيۡرُ أَحۡيَآءٖۖ وَمَا يَشۡعُرُونَ أَيَّانَ يُبۡعَثُونَ

(Isaan) du’aawwan jiraataa hin taaneedha. Yoom akka kaafamaniis hin beekanu. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 16

إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۚ فَٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ قُلُوبُهُم مُّنكِرَةٞ وَهُم مُّسۡتَكۡبِرُونَ

Dhugumatti gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha. Isaan Aakhiraatti hin amanne, onneewwan isaanii (tokkichummaa Rabbii) mormituudha; isaan boontota. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 16

لَا جَرَمَ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعۡلِنُونَۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُسۡتَكۡبِرِينَ

Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul’isanis beekaa ta’uutti shakkiin hin jiru. Inni boontota hin jaallatu. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 16

وَإِذَا قِيلَ لَهُم مَّاذَآ أَنزَلَ رَبُّكُمۡ قَالُوٓاْ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ

Yeroo “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse” isaaniin jedhame, “(inni) afoola (ogbarruu) warra duriiti” jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 16

لِيَحۡمِلُوٓاْ أَوۡزَارَهُمۡ كَامِلَةٗ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَمِنۡ أَوۡزَارِ ٱلَّذِينَ يُضِلُّونَهُم بِغَيۡرِ عِلۡمٍۗ أَلَا سَآءَ مَا يَزِرُونَ

Akka Guyyaa Qiyaamaa guutuu taatee badii isaaniitiifi badii warra beekumsa malee jallisanii irraa baadhatanuuf (kana jedhu). Dhagahaa! Wanti isaan baadhatan waa fokkate! info
التفاسير:

external-link copy
26 : 16

قَدۡ مَكَرَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَأَتَى ٱللَّهُ بُنۡيَٰنَهُم مِّنَ ٱلۡقَوَاعِدِ فَخَرَّ عَلَيۡهِمُ ٱلسَّقۡفُ مِن فَوۡقِهِمۡ وَأَتَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَشۡعُرُونَ

Dhugumatti, warri isaan dura turan tooftaa baasaniiru, (adabbiin) Rabbii bu’uura irraan manneen isaaniitti dhufee (ishee diige) Ijoon (gubbaan manaa) gubbaa isaaniitiin isaan irratti kufe. Adabni karaa isaan hin beekneen isaanitti dhufe. info
التفاسير: