पवित्र कुरअानको अर्थको अनुवाद - ओरोमो अनुवाद : घाली अपापुर अपागोना

رقم الصفحة:close

external-link copy
6 : 2

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡهِمۡ ءَأَنذَرۡتَهُمۡ أَمۡ لَمۡ تُنذِرۡهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ

Dhugumatti, isaannan kafaran isaan akeekkachiiftes isaan akeekkachiisuu baattes [lamaanuu] isaan irratti wal qixa; hin amanan. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 2

خَتَمَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ وَعَلَىٰ سَمۡعِهِمۡۖ وَعَلَىٰٓ أَبۡصَٰرِهِمۡ غِشَٰوَةٞۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٞ

Rabbiin onneewwan isaaniirrattiifi dhageettuu isaanii irratti cufe; agartuu isaanii irras haguuggiitu jira. Isaaniif azaaba guddaatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 2

وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَقُولُ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَبِٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَمَا هُم بِمُؤۡمِنِينَ

Namoota irraa nama "Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne" jedhutu jira. ammoo isaan warra amanee miti. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 2

يُخَٰدِعُونَ ٱللَّهَ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَمَا يَخۡدَعُونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمۡ وَمَا يَشۡعُرُونَ

Rabbiifi warra amanan gowwoomsan [isaanitti fakkaata]; garuu lubbuu isaanii malee homaa hin gowwoomsanu. ammoo hinbeekan. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 2

فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ فَزَادَهُمُ ٱللَّهُ مَرَضٗاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمُۢ بِمَا كَانُواْ يَكۡذِبُونَ

Onneewwan isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. Waan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 2

وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ لَا تُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ قَالُوٓاْ إِنَّمَا نَحۡنُ مُصۡلِحُونَ

Yeroo "Dachii keessatti badii hin raawwatinaa" isaaniin jedhame "nuti warra tolchu qofa" jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 2

أَلَآ إِنَّهُمۡ هُمُ ٱلۡمُفۡسِدُونَ وَلَٰكِن لَّا يَشۡعُرُونَ

Dhagayaa! Dhugumatti isaan isaanumatu warra badiiti. Garuu [haala gadhee isaanii kana] hin beekanu. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 2

وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ ءَامِنُواْ كَمَآ ءَامَنَ ٱلنَّاسُ قَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ كَمَآ ءَامَنَ ٱلسُّفَهَآءُۗ أَلَآ إِنَّهُمۡ هُمُ ٱلسُّفَهَآءُ وَلَٰكِن لَّا يَعۡلَمُونَ

Yeroo "akka namoonni amananitti amanaa" isaaniin jedhame "sila nuti akka warri gowwaan amananitti amannaa?" jedhu. Dhagayaa! dhugumatti isaan isaanumatu gowwoota Garuu isaan hin beekan. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 2

وَإِذَا لَقُواْ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ قَالُوٓاْ ءَامَنَّا وَإِذَا خَلَوۡاْ إِلَىٰ شَيَٰطِينِهِمۡ قَالُوٓاْ إِنَّا مَعَكُمۡ إِنَّمَا نَحۡنُ مُسۡتَهۡزِءُونَ

Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhuYeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo " nuti isin waliin jirra; dhugumatti nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf [akkas goone]" jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 2

ٱللَّهُ يَسۡتَهۡزِئُ بِهِمۡ وَيَمُدُّهُمۡ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ

Rabbiin [mindaa qishnaa isaaniitiif] isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti isaan dhiisa odoo isaan dhama’anuu . info
التفاسير:

external-link copy
16 : 2

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ٱشۡتَرَوُاْ ٱلضَّلَٰلَةَ بِٱلۡهُدَىٰ فَمَا رَبِحَت تِّجَٰرَتُهُمۡ وَمَا كَانُواْ مُهۡتَدِينَ

Isaan warra jallina qajeelumaan bitataniidha. Daldalli isaaniis bu’aa dhabe. Isaanis warra qajeelan hin turre. info
التفاسير: