पवित्र कुरअानको अर्थको अनुवाद - ओरोमो अनुवाद : घाली अपापुर अपागोना

Albaqaraa

external-link copy
1 : 2

الٓمٓ

Alif, Laam, Miim {1}{2} info

{1} harfiiwwan maqaan waamamtu tana tan jalqaba suuraawwaniitti argamtu hundaa hiikkaa isii Rabbumaatu beeka jedhanii isatti irkisuu barbaachisa. (ibnu kasiir).
{2} suuraan baqaraa tuni fadhlii yookaa sadarkaa guddaa qabdi, san keessaa hadiisatti "suuraan baqaraatiifii aala imraan guyyaa qiyaamaa dhuftee saahiba isiirraa deebisaa gooti" jedhan.

التفاسير:

external-link copy
2 : 2

ذَٰلِكَ ٱلۡكِتَٰبُ لَا رَيۡبَۛ فِيهِۛ هُدٗى لِّلۡمُتَّقِينَ

Kitaabni kuni [Rabbiin biraa ta’uu isaa keessatti] mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 2

ٱلَّذِينَ يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡغَيۡبِ وَيُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ

Isaannan "Ghaybitti" (wantoota miiraan hin dhaqqabamnetti) amanan, kan salaata sirnaan salaataniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennataniidha. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 2

وَٱلَّذِينَ يُؤۡمِنُونَ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَ وَمَآ أُنزِلَ مِن قَبۡلِكَ وَبِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ يُوقِنُونَ

Ammas isaan warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amananiifi isaan Aakhiraa dhugoomsaniidha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 2

أُوْلَٰٓئِكَ عَلَىٰ هُدٗى مِّن رَّبِّهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ

Warri sun qajeelfama Rabbii isaanii biraa ta’e irra jiru. Ammas warri sun isaanumatu milkaawoodha. info
التفاسير: