Kilniojo Korano reikšmių vertimas - Vertimas į oromų k. - Ghali Ababur

Puslapio numeris:close

external-link copy
12 : 7

قَالَ مَا مَنَعَكَ أَلَّا تَسۡجُدَ إِذۡ أَمَرۡتُكَۖ قَالَ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡهُ خَلَقۡتَنِي مِن نَّارٖ وَخَلَقۡتَهُۥ مِن طِينٖ

  (Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 7

قَالَ فَٱهۡبِطۡ مِنۡهَا فَمَا يَكُونُ لَكَ أَن تَتَكَبَّرَ فِيهَا فَٱخۡرُجۡ إِنَّكَ مِنَ ٱلصَّٰغِرِينَ

  (Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; bahi ati warra salphattoota irraayi" jedheen. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 7

قَالَ أَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ

  (Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 7

قَالَ إِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ

  (Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 7

قَالَ فَبِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأَقۡعُدَنَّ لَهُمۡ صِرَٰطَكَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ

  (Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 7

ثُمَّ لَأٓتِيَنَّهُم مِّنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ وَعَنۡ أَيۡمَٰنِهِمۡ وَعَن شَمَآئِلِهِمۡۖ وَلَا تَجِدُ أَكۡثَرَهُمۡ شَٰكِرِينَ

  Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirgaawwan isaaniitiifi bitaawwan isaanii irraan isaanitti dhufa. Irra hedduu isaaniis galateeffattoota ta'anii hin argitu." info
التفاسير:

external-link copy
18 : 7

قَالَ ٱخۡرُجۡ مِنۡهَا مَذۡءُومٗا مَّدۡحُورٗاۖ لَّمَن تَبِعَكَ مِنۡهُمۡ لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكُمۡ أَجۡمَعِينَ

  (Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’i, Isaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 7

وَيَٰٓـَٔادَمُ ٱسۡكُنۡ أَنتَ وَزَوۡجُكَ ٱلۡجَنَّةَ فَكُلَا مِنۡ حَيۡثُ شِئۡتُمَا وَلَا تَقۡرَبَا هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةَ فَتَكُونَا مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

  Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taa'aa; iddoo feetan irraas nyaadhaa. Miidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii tanatti immoo hin dhihaatinaa." info
التفاسير:

external-link copy
20 : 7

فَوَسۡوَسَ لَهُمَا ٱلشَّيۡطَٰنُ لِيُبۡدِيَ لَهُمَا مَا وُۥرِيَ عَنۡهُمَا مِن سَوۡءَٰتِهِمَا وَقَالَ مَا نَهَىٰكُمَا رَبُّكُمَا عَنۡ هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةِ إِلَّآ أَن تَكُونَا مَلَكَيۡنِ أَوۡ تَكُونَا مِنَ ٱلۡخَٰلِدِينَ

  Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii kana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee". info
التفاسير:

external-link copy
21 : 7

وَقَاسَمَهُمَآ إِنِّي لَكُمَا لَمِنَ ٱلنَّٰصِحِينَ

  "Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 7

فَدَلَّىٰهُمَا بِغُرُورٖۚ فَلَمَّا ذَاقَا ٱلشَّجَرَةَ بَدَتۡ لَهُمَا سَوۡءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخۡصِفَانِ عَلَيۡهِمَا مِن وَرَقِ ٱلۡجَنَّةِۖ وَنَادَىٰهُمَا رَبُّهُمَآ أَلَمۡ أَنۡهَكُمَا عَن تِلۡكُمَا ٱلشَّجَرَةِ وَأَقُل لَّكُمَآ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ لَكُمَا عَدُوّٞ مُّبِينٞ

  Gowwoomsuun isaan jallise, Yeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii isaanitti mul'atte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguutti seenan, Gooftaan isaanii isaanitti lallabe "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" (jedheen). info
التفاسير: