Kilniojo Korano reikšmių vertimas - Vertimas į oromų k. - Ghali Ababur

Puslapio numeris:close

external-link copy
67 : 40

هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٖ ثُمَّ مِنۡ عَلَقَةٖ ثُمَّ يُخۡرِجُكُمۡ طِفۡلٗا ثُمَّ لِتَبۡلُغُوٓاْ أَشُدَّكُمۡ ثُمَّ لِتَكُونُواْ شُيُوخٗاۚ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ مِن قَبۡلُۖ وَلِتَبۡلُغُوٓاْ أَجَلٗا مُّسَمّٗى وَلَعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ

Inni Isa isin uume biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa. ergasii daa’ima godhee isin baasa (dhalachiisa). Ergasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’uutu jira. Akka beellama beekamaa geessaniifi, akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa). info
التفاسير:

external-link copy
68 : 40

هُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

Inni Isa jiraachisuufi ajjeesu. Yeroo waan tokko murteesse “argami” isaan jedha; yoosuu argama. info
التفاسير:

external-link copy
69 : 40

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ أَنَّىٰ يُصۡرَفُونَ

Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee? info
التفاسير:

external-link copy
70 : 40

ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِٱلۡكِتَٰبِ وَبِمَآ أَرۡسَلۡنَا بِهِۦ رُسُلَنَاۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ

Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
71 : 40

إِذِ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَٰقِهِمۡ وَٱلسَّلَٰسِلُ يُسۡحَبُونَ

Yeroo sakaallaaleen sibiilaa mormoowwan isaaniitti kaayame, Sansaloonni (itti diramee) niharkifaman. info
التفاسير:

external-link copy
72 : 40

فِي ٱلۡحَمِيمِ ثُمَّ فِي ٱلنَّارِ يُسۡجَرُونَ

Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu. info
التفاسير:

external-link copy
73 : 40

ثُمَّ قِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تُشۡرِكُونَ

Ergasii isaaniin jedhama “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiran?”. info
التفاسير:

external-link copy
74 : 40

مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالُواْ ضَلُّواْ عَنَّا بَل لَّمۡ نَكُن نَّدۡعُواْ مِن قَبۡلُ شَيۡـٔٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ ٱلۡكَٰفِرِينَ

Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan) nijedhan “Nu jalaa badaniiru Lakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 40

ذَٰلِكُم بِمَا كُنتُمۡ تَفۡرَحُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَبِمَا كُنتُمۡ تَمۡرَحُونَ

“Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa dabroo taataniifi” info
التفاسير:

external-link copy
76 : 40

ٱدۡخُلُوٓاْ أَبۡوَٰبَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ فَبِئۡسَ مَثۡوَى ٱلۡمُتَكَبِّرِينَ

“Balbalaalee jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama). info
التفاسير:

external-link copy
77 : 40

فَٱصۡبِرۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ

Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Yoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefne, garuma keenya deebifamu. info
التفاسير: