وه‌رگێڕانی ماناكانی قورئانی پیرۆز - وەرگێڕاوی ئورومی - غالی ئەبابور

Almuzzammil

external-link copy
1 : 73

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ

Ati Yaa mammarataa! info
التفاسير:

external-link copy
2 : 73

قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلٗا

halkan dhaabbadhu Xiqqo malee. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 73

نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا

Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 73

أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا

Yookiin isa irratti dabali Qur'aana suutaan dubbisiinsa dubbisi. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 73

إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلٗا ثَقِيلًا

Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 73

إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـٔٗا وَأَقۡوَمُ قِيلًا

Ka'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 73

إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحٗا طَوِيلٗا

Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 73

وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلٗا

Maqaa Gooftaa keetii faarsi; gara isaattis citiinsa citi. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 73

رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلٗا

(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 73

وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرٗا جَمِيلٗا

Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 73

وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا

Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 73

إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالٗا وَجَحِيمٗا

Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 73

وَطَعَامٗا ذَا غُصَّةٖ وَعَذَابًا أَلِيمٗا

Nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira). info
التفاسير:

external-link copy
14 : 73

يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبٗا مَّهِيلًا

Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu taatu keessa (sakkaalamu). info
التفاسير:

external-link copy
15 : 73

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا

Nuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awn Ergamaa ergineetti. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 73

فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا

Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 73

فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمٗا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا

Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu? info
التفاسير:

external-link copy
18 : 73

ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا

Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 73

إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا

Isheen tun gorsa. Nama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 73

۞ إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٖ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرٗا وَأَعۡظَمَ أَجۡرٗاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمُۢ

(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan(nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaas Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير: