ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
19 : 35

وَمَا يَسۡتَوِي ٱلۡأَعۡمَىٰ وَٱلۡبَصِيرُ

Jaamaafi namni Ija qabu wal hin qixxaatu. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 35

وَلَا ٱلظُّلُمَٰتُ وَلَا ٱلنُّورُ

Dukkanootaafi iftis (akkasuma). info
التفاسير:

external-link copy
21 : 35

وَلَا ٱلظِّلُّ وَلَا ٱلۡحَرُورُ

Gaaddisniifi ho’inis. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 35

وَمَا يَسۡتَوِي ٱلۡأَحۡيَآءُ وَلَا ٱلۡأَمۡوَٰتُۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُسۡمِعُ مَن يَشَآءُۖ وَمَآ أَنتَ بِمُسۡمِعٖ مَّن فِي ٱلۡقُبُورِ

kanneen lubbuun jiraniifi isaan du’an wal qixaa miti. Allaahn nama fedhe ni dhageessisa. Ati nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 35

إِنۡ أَنتَ إِلَّا نَذِيرٌ

Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 35

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ بَشِيرٗا وَنَذِيرٗاۚ وَإِن مِّنۡ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٞ

Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti dabru malee hintaane. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 35

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدۡ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ وَبِٱلزُّبُرِ وَبِٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُنِيرِ

Yoo si sobsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 35

ثُمَّ أَخَذۡتُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ

Ergasiis isaan kafaran qabeen jira. adabbiin kiyya akkam ta’e! info
التفاسير:

external-link copy
27 : 35

أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦ ثَمَرَٰتٖ مُّخۡتَلِفًا أَلۡوَٰنُهَاۚ وَمِنَ ٱلۡجِبَالِ جُدَدُۢ بِيضٞ وَحُمۡرٞ مُّخۡتَلِفٌ أَلۡوَٰنُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٞ

sila hin laallee Rabbiin bishaan samii irraa buusee, fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e ittiin magarsine. Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti ishee gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?) info
التفاسير:

external-link copy
28 : 35

وَمِنَ ٱلنَّاسِ وَٱلدَّوَآبِّ وَٱلۡأَنۡعَٰمِ مُخۡتَلِفٌ أَلۡوَٰنُهُۥ كَذَٰلِكَۗ إِنَّمَا يَخۡشَى ٱللَّهَ مِنۡ عِبَادِهِ ٱلۡعُلَمَٰٓؤُاْۗ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ

Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 35

إِنَّ ٱلَّذِينَ يَتۡلُونَ كِتَٰبَ ٱللَّهِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنفَقُواْ مِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ سِرّٗا وَعَلَانِيَةٗ يَرۡجُونَ تِجَٰرَةٗ لَّن تَبُورَ

Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 35

لِيُوَفِّيَهُمۡ أُجُورَهُمۡ وَيَزِيدَهُم مِّن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ غَفُورٞ شَكُورٞ

Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha. info
التفاسير: