ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
4 : 35

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدۡ كُذِّبَتۡ رُسُلٞ مِّن قَبۡلِكَۚ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرۡجَعُ ٱلۡأُمُورُ

(Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiru. Dhimmoonni hundi gara Rabbiitti deebifamu. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 35

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَا وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِٱللَّهِ ٱلۡغَرُورُ

Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 35

إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ لَكُمۡ عَدُوّٞ فَٱتَّخِذُوهُ عَدُوًّاۚ إِنَّمَا يَدۡعُواْ حِزۡبَهُۥ لِيَكُونُواْ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ

Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaa. Gareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 35

ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدٞۖ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٞ كَبِيرٌ

Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 35

أَفَمَن زُيِّنَ لَهُۥ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ فَرَءَاهُ حَسَنٗاۖ فَإِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُۖ فَلَا تَذۡهَبۡ نَفۡسُكَ عَلَيۡهِمۡ حَسَرَٰتٍۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمُۢ بِمَا يَصۡنَعُونَ

Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 35

وَٱللَّهُ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ ٱلرِّيَٰحَ فَتُثِيرُ سَحَابٗا فَسُقۡنَٰهُ إِلَىٰ بَلَدٖ مَّيِّتٖ فَأَحۡيَيۡنَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَاۚ كَذَٰلِكَ ٱلنُّشُورُ

Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaafti. gara lafa duutieetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda isaan jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 35

مَن كَانَ يُرِيدُ ٱلۡعِزَّةَ فَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ جَمِيعًاۚ إِلَيۡهِ يَصۡعَدُ ٱلۡكَلِمُ ٱلطَّيِّبُ وَٱلۡعَمَلُ ٱلصَّٰلِحُ يَرۡفَعُهُۥۚ وَٱلَّذِينَ يَمۡكُرُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدٞۖ وَمَكۡرُ أُوْلَٰٓئِكَ هُوَ يَبُورُ

Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu) Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa ol fuudha. Isaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 35

وَٱللَّهُ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٖ ثُمَّ جَعَلَكُمۡ أَزۡوَٰجٗاۚ وَمَا تَحۡمِلُ مِنۡ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلۡمِهِۦۚ وَمَا يُعَمَّرُ مِن مُّعَمَّرٖ وَلَا يُنقَصُ مِنۡ عُمُرِهِۦٓ إِلَّا فِي كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ

Rabbiin biyyee irraa isin uume, ergasii bishaan irraa, ergasii cimdii isin taasise. dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessus Beekumsa Isaatiin ala. Namni umrii dheereffame tokkollee, umriin isaa hin dheereffamu. Umrii isaa irraa hin hir’ifamus kitaaba keessa jiraatu malee; sun Allaah irratti laafaadha. info
التفاسير: