ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
79 : 10

وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ ٱئۡتُونِي بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٖ

Fir’awna ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.” info
التفاسير:

external-link copy
80 : 10

فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ

Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “isin Waan darbitan darbaa.” info
التفاسير:

external-link copy
81 : 10

فَلَمَّآ أَلۡقَوۡاْ قَالَ مُوسَىٰ مَا جِئۡتُم بِهِ ٱلسِّحۡرُۖ إِنَّ ٱللَّهَ سَيُبۡطِلُهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُصۡلِحُ عَمَلَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ

Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfalaa, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu. info
التفاسير:

external-link copy
82 : 10

وَيُحِقُّ ٱللَّهُ ٱلۡحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُجۡرِمُونَ

Odoo badii raawwattoonni jibbanillee, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin mirkaneessa.” info
التفاسير:

external-link copy
83 : 10

فَمَآ ءَامَنَ لِمُوسَىٰٓ إِلَّا ذُرِّيَّةٞ مِّن قَوۡمِهِۦ عَلَىٰ خَوۡفٖ مِّن فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِمۡ أَن يَفۡتِنَهُمۡۚ وَإِنَّ فِرۡعَوۡنَ لَعَالٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ

Muusaaf hin amanne, Dhaloota ummata isaa irraa ta’e malee, Fir’awnaafi qondaaltonni isaa isaan jallisuu sodaachuun wajji, Dhugumatti, Fir’awn dachii keessatti of tuulaadha. Ammas inni daanga dabritoota irraayi. info
التفاسير:

external-link copy
84 : 10

وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوۡمِ إِن كُنتُمۡ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيۡهِ تَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّسۡلِمِينَ

Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.” info
التفاسير:

external-link copy
85 : 10

فَقَالُواْ عَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡنَا رَبَّنَا لَا تَجۡعَلۡنَا فِتۡنَةٗ لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ

Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirra. Yaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 10

وَنَجِّنَا بِرَحۡمَتِكَ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡكَٰفِرِينَ

Namoota kaafirootaa jalaas Rahmata keetiin nagaa nu baasi.” info
التفاسير:

external-link copy
87 : 10

وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰ وَأَخِيهِ أَن تَبَوَّءَا لِقَوۡمِكُمَا بِمِصۡرَ بُيُوتٗا وَٱجۡعَلُواْ بُيُوتَكُمۡ قِبۡلَةٗ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ

Muusaafi obboleessa isaatti wahyii goone: “Isin lachanuu ummata keessaniif Misratti manneen qopheessaa; manneen keessan iddoo ibaadaa taasisaa; salaata dhaabaa; mu’uminoota gammachiisi” jechuun . info
التفاسير:

external-link copy
88 : 10

وَقَالَ مُوسَىٰ رَبَّنَآ إِنَّكَ ءَاتَيۡتَ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَأَهُۥ زِينَةٗ وَأَمۡوَٰلٗا فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا رَبَّنَا لِيُضِلُّواْ عَن سَبِيلِكَۖ رَبَّنَا ٱطۡمِسۡ عَلَىٰٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ وَٱشۡدُدۡ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُواْ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ

Muusaanis ni jedhe: “Gooftaa keenya! Ati dhugumatti Fir’awniifi qondaalota isaatiif jireenya addunyaa keessatti miidhaginaafi qabeenya kennitee jirta, (yaa) Gooftaa keenya! Karaa kee irraa akka (namoota) jallisaniif jecha. Gooftaa keenya! Qabeenya isaanii mancaasi; onneewwan isaanii irratti jabeesi. Isaan hanga adabbii laalessaa arganitti hin amanan.” info
التفاسير: