ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
71 : 10

۞ وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ نُوحٍ إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ إِن كَانَ كَبُرَ عَلَيۡكُم مَّقَامِي وَتَذۡكِيرِي بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَعَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡتُ فَأَجۡمِعُوٓاْ أَمۡرَكُمۡ وَشُرَكَآءَكُمۡ ثُمَّ لَا يَكُنۡ أَمۡرُكُمۡ عَلَيۡكُمۡ غُمَّةٗ ثُمَّ ٱقۡضُوٓاْ إِلَيَّ وَلَا تُنظِرُونِ

Oduu Nuuh isaan irratti dubbisi, Yeroo inni ummata isaatiin jedhe “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaalee keessaniifi qindeeffamoota keessan walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii narratti raawwadhaa yeroo naaf hin kenninaatii ”(jedhe). info
التفاسير:

external-link copy
72 : 10

فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَمَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَأُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ

“Yoo gara galtan, mindaa homaatuu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(jedhi). info
التفاسير:

external-link copy
73 : 10

فَكَذَّبُوهُ فَنَجَّيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَجَعَلۡنَٰهُمۡ خَلَٰٓئِفَ وَأَغۡرَقۡنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ

Isaan isa kijibsiisani, ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin jiranis doonii keessatti nagaya baafne. Bakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsiifne. Booddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali. info
التفاسير:

external-link copy
74 : 10

ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِۦ رُسُلًا إِلَىٰ قَوۡمِهِمۡ فَجَآءُوهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْ بِمَا كَذَّبُواْ بِهِۦ مِن قَبۡلُۚ كَذَٰلِكَ نَطۡبَعُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلۡمُعۡتَدِينَ

Ergasii isa booda ergamtoota gara ummata isaanii ni erginee, mallattoowwan ifa ta’aniin isaanitti dhufan. Isaan waan san dura kijibsiisan sanatti kan amanan hin taane. Akka kanatti onnee daangaa dabritootaa irratti cufna. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 10

ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِم مُّوسَىٰ وَهَٰرُونَ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ بِـَٔايَٰتِنَا فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ

Ergasii isaan booda Muusaafi Haaruuniin gara Fir’awnaafi qondaalota isaa aayatoota keenyaan erginee jirra. Isaan boonaniiti, badii raawwattoota irraa ta’an. info
التفاسير:

external-link copy
76 : 10

فَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ مِنۡ عِندِنَا قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰذَا لَسِحۡرٞ مُّبِينٞ

Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun falfala ifa ba’aadha” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
77 : 10

قَالَ مُوسَىٰٓ أَتَقُولُونَ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَكُمۡۖ أَسِحۡرٌ هَٰذَا وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّٰحِرُونَ

Muusaan ni jedhe “sila dhugaan isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa? Falfaltoonni hin milkaa’an.” info
التفاسير:

external-link copy
78 : 10

قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا لِتَلۡفِتَنَا عَمَّا وَجَدۡنَا عَلَيۡهِ ءَابَآءَنَا وَتَكُونَ لَكُمَا ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا نَحۡنُ لَكُمَا بِمُؤۡمِنِينَ

Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaanis dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu. info
التفاسير: