Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Ghali Ababur

Numero di pagina:close

external-link copy
16 : 30

وَأَمَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَلِقَآيِٕ ٱلۡأٓخِرَةِ فَأُوْلَٰٓئِكَ فِي ٱلۡعَذَابِ مُحۡضَرُونَ

Ammoo Warri kafaranii keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa sobsiisan, isaan sun azaaba keessa fidamoodha info
التفاسير:

external-link copy
17 : 30

فَسُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ حِينَ تُمۡسُونَ وَحِينَ تُصۡبِحُونَ

Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa). info
التفاسير:

external-link copy
18 : 30

وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَعَشِيّٗا وَحِينَ تُظۡهِرُونَ

Samiileefi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis (isa faarsaa). info
التفاسير:

external-link copy
19 : 30

يُخۡرِجُ ٱلۡحَيَّ مِنَ ٱلۡمَيِّتِ وَيُخۡرِجُ ٱلۡمَيِّتَ مِنَ ٱلۡحَيِّ وَيُحۡيِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَاۚ وَكَذَٰلِكَ تُخۡرَجُونَ

(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa baasa. Dachiis erga du'uu ishee booda jiraachisa. Akkuma kanatti (qabrirraa) baafamtu. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 30

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنۡ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ إِذَآ أَنتُم بَشَرٞ تَنتَشِرُونَ

mallattoolee isaa (Rabbii) irraayyi biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuun. san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u taatan. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 30

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنۡ خَلَقَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجٗا لِّتَسۡكُنُوٓاْ إِلَيۡهَا وَجَعَلَ بَيۡنَكُم مَّوَدَّةٗ وَرَحۡمَةًۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ

Mallattoolee Isaa irraayyi lubbuulee teessan irraa jaartiilee teessan isinii uumuun, akka gara isheetti boqottaniif jecha, gidduu keessanitti jaalalaafi mararfannaa godhe. kana keessa mallattooleetu jira. namoota xiinxalaniif. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 30

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦ خَلۡقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَٱخۡتِلَٰفُ أَلۡسِنَتِكُمۡ وَأَلۡوَٰنِكُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡعَٰلِمِينَ

Mallattoolee Isaa irraayyi Samiileefii dachii uumuun, arrabni (lugaaleen) keessaniifi bifooleen keessan waldhabuunis. kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 30

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦ مَنَامُكُم بِٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَٱبۡتِغَآؤُكُم مِّن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَسۡمَعُونَ

Mallattoolee (dandeettii) Isaa irraayyi, Hirribni keessan kan halkaniifi guyyaa, tola isaa irraa barbaaddachuun keessanis. kana keessa namoota dhagahaniif mallattooleetu jira. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 30

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦ يُرِيكُمُ ٱلۡبَرۡقَ خَوۡفٗا وَطَمَعٗا وَيُنَزِّلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَيُحۡيِۦ بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَآۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ

Mallattoolee isaarraa hangaasuu isin garsiisa Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun. kana keessa namoota aqlii (sammuu) qabaniif mallattooleetu jira. info
التفاسير: