Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr

Numéro de la page:close

external-link copy
77 : 56

إِنَّهُۥ لَقُرۡءَانٞ كَرِيمٞ

Inni Qur’aana kabajamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
78 : 56

فِي كِتَٰبٖ مَّكۡنُونٖ

Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira. info
التفاسير:

external-link copy
79 : 56

لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلۡمُطَهَّرُونَ

Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu. info
التفاسير:

external-link copy
80 : 56

تَنزِيلٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
81 : 56

أَفَبِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَنتُم مُّدۡهِنُونَ

Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan? info
التفاسير:

external-link copy
82 : 56

وَتَجۡعَلُونَ رِزۡقَكُمۡ أَنَّكُمۡ تُكَذِّبُونَ

(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii? info
التفاسير:

external-link copy
83 : 56

فَلَوۡلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلۡحُلۡقُومَ

sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)? info
التفاسير:

external-link copy
84 : 56

وَأَنتُمۡ حِينَئِذٖ تَنظُرُونَ

Odoo yeroo san isin ilaaltanuu, info
التفاسير:

external-link copy
85 : 56

وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُبۡصِرُونَ

Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 56

فَلَوۡلَآ إِن كُنتُمۡ غَيۡرَ مَدِينِينَ

Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa). info
التفاسير:

external-link copy
87 : 56

تَرۡجِعُونَهَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu? info
التفاسير:

external-link copy
88 : 56

فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ

Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e, info
التفاسير:

external-link copy
89 : 56

فَرَوۡحٞ وَرَيۡحَانٞ وَجَنَّتُ نَعِيمٖ

(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira. info
التفاسير:

external-link copy
90 : 56

وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ

Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo, info
التفاسير:

external-link copy
91 : 56

فَسَلَٰمٞ لَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ

Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama) info
التفاسير:

external-link copy
92 : 56

وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ

Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo, info
التفاسير:

external-link copy
93 : 56

فَنُزُلٞ مِّنۡ حَمِيمٖ

Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira. info
التفاسير:

external-link copy
94 : 56

وَتَصۡلِيَةُ جَحِيمٍ

Jahiim seenuutu isaaf jira. info
التفاسير:

external-link copy
95 : 56

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلۡيَقِينِ

Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha. info
التفاسير:

external-link copy
96 : 56

فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ

Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi). info
التفاسير: