Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr

Numéro de la page:close

external-link copy
41 : 40

۞ وَيَٰقَوۡمِ مَا لِيٓ أَدۡعُوكُمۡ إِلَى ٱلنَّجَوٰةِ وَتَدۡعُونَنِيٓ إِلَى ٱلنَّارِ

Yaa ummata kiyya! Maali! kan Ani gara nageenyaatti isin waamu, isin immoo gara ibiddaatti na waamtuu? info
التفاسير:

external-link copy
42 : 40

تَدۡعُونَنِي لِأَكۡفُرَ بِٱللَّهِ وَأُشۡرِكَ بِهِۦ مَا لَيۡسَ لِي بِهِۦ عِلۡمٞ وَأَنَا۠ أَدۡعُوكُمۡ إِلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡغَفَّٰرِ

Na waamtu Akka ani Rabbitti kafaruufi waan waa’ee isaa beekumsa hin qabne isatti qindeessuuf. Ani immoo gara (Rabbii) injifataa, araaramaa ta’eettin isin waama. info
التفاسير:

external-link copy
43 : 40

لَا جَرَمَ أَنَّمَا تَدۡعُونَنِيٓ إِلَيۡهِ لَيۡسَ لَهُۥ دَعۡوَةٞ فِي ٱلدُّنۡيَا وَلَا فِي ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَنَّ مَرَدَّنَآ إِلَى ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱلۡمُسۡرِفِينَ هُمۡ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ

Dhugumatti, wanti isin itti na waamtan sun addunyaa keessattis ta’ee Aakhiraa keessatti waamichi homaatuu isaaf hinjiru. deebiin keenya gara Rabbiiti. daangaa dabroonni isaan warroota ibiddaati. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 40

فَسَتَذۡكُرُونَ مَآ أَقُولُ لَكُمۡۚ وَأُفَوِّضُ أَمۡرِيٓ إِلَى ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ بَصِيرُۢ بِٱلۡعِبَادِ

Waanin ani isiniin jedhu kana yaadachuuf jirtu. Ani dhimma kiyya gara Rabbiittin hirkifadha. Rabbiin gabroota Isaa argaadha.” info
التفاسير:

external-link copy
45 : 40

فَوَقَىٰهُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِ مَا مَكَرُواْۖ وَحَاقَ بِـَٔالِ فِرۡعَوۡنَ سُوٓءُ ٱلۡعَذَابِ

Rabbiin hamtuuwwan waan isaan itti wal mari’atanii jalaa isa baraarse. Maatii Fir’awnitti adabbii hamaatu bu'e. info
التفاسير:

external-link copy
46 : 40

ٱلنَّارُ يُعۡرَضُونَ عَلَيۡهَا غُدُوّٗا وَعَشِيّٗاۚ وَيَوۡمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ أَدۡخِلُوٓاْ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ أَشَدَّ ٱلۡعَذَابِ

Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaanitti bu'e). Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa.” info
التفاسير:

external-link copy
47 : 40

وَإِذۡ يَتَحَآجُّونَ فِي ٱلنَّارِ فَيَقُولُ ٱلضُّعَفَٰٓؤُاْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُنَّا لَكُمۡ تَبَعٗا فَهَلۡ أَنتُم مُّغۡنُونَ عَنَّا نَصِيبٗا مِّنَ ٱلنَّارِ

Yeroo ibidda keessatti wal mormanii, isaan dadhaboon isaan boonaniin jedhan “nuti isiniif hordofoo tahuu turre, sila isin nurraa deebisoodhaa qooda ibidarraa tahe?” (jedhan san) (yaadadhu.) info
التفاسير:

external-link copy
48 : 40

قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُلّٞ فِيهَآ إِنَّ ٱللَّهَ قَدۡ حَكَمَ بَيۡنَ ٱلۡعِبَادِ

Isaan boonan nijedhan “nuti hunduu isheedhuma keessa jirra; Rabbiin dhugumatti gidduu gabrootaatti murteesseera”. info
التفاسير:

external-link copy
49 : 40

وَقَالَ ٱلَّذِينَ فِي ٱلنَّارِ لِخَزَنَةِ جَهَنَّمَ ٱدۡعُواْ رَبَّكُمۡ يُخَفِّفۡ عَنَّا يَوۡمٗا مِّنَ ٱلۡعَذَابِ

Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin nijedhan “Gooftaa keessan nuuf kadhaa (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu”. info
التفاسير: