Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr

Numéro de la page:close

external-link copy
52 : 19

وَنَٰدَيۡنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنِ وَقَرَّبۡنَٰهُ نَجِيّٗا

Nuti moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine! info
التفاسير:

external-link copy
53 : 19

وَوَهَبۡنَا لَهُۥ مِن رَّحۡمَتِنَآ أَخَاهُ هَٰرُونَ نَبِيّٗا

Tola keenya irraa obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine. info
التفاسير:

external-link copy
54 : 19

وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِسۡمَٰعِيلَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صَادِقَ ٱلۡوَعۡدِ وَكَانَ رَسُولٗا نَّبِيّٗا

Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iil dubbadhu, inni beellama kabajaa ta’ee jira, Ergamaa, nabiyyii ta’ee jira. info
التفاسير:

external-link copy
55 : 19

وَكَانَ يَأۡمُرُ أَهۡلَهُۥ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِۦ مَرۡضِيّٗا

Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju ture. Gooftaa isaa biratti jaallatamaa ture. info
التفاسير:

external-link copy
56 : 19

وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِدۡرِيسَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقٗا نَّبِيّٗا

Kitaaba keessatti Idriisiin dubbadhu, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture. info
التفاسير:

external-link copy
57 : 19

وَرَفَعۡنَٰهُ مَكَانًا عَلِيًّا

Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra. info
التفاسير:

external-link copy
58 : 19

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِن ذُرِّيَّةِ ءَادَمَ وَمِمَّنۡ حَمَلۡنَا مَعَ نُوحٖ وَمِن ذُرِّيَّةِ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡرَٰٓءِيلَ وَمِمَّنۡ هَدَيۡنَا وَٱجۡتَبَيۡنَآۚ إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُ ٱلرَّحۡمَٰنِ خَرُّواْۤ سُجَّدٗاۤ وَبُكِيّٗا۩

Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) yaabbachiifne irraa ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidha, Kan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamtu sujuudaafi booyaa kufaniidha. {1} info

{1} asittis sujuuda qaraatiittu (tilaawaattu) barbaachisa.

التفاسير:

external-link copy
59 : 19

۞ فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٌ أَضَاعُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّبَعُواْ ٱلشَّهَوَٰتِۖ فَسَوۡفَ يَلۡقَوۡنَ غَيًّا

Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee)tu bakka bu'e. kan salaata miidhaniifi fedhaalee lubbuu isaanii hordofan. Hallayyaa jahannam quunnamuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
60 : 19

إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ وَلَا يُظۡلَمُونَ شَيۡـٔٗا

Nama tawbatee, amanee, gaarii hojjate malee Warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu. info
التفاسير:

external-link copy
61 : 19

جَنَّٰتِ عَدۡنٍ ٱلَّتِي وَعَدَ ٱلرَّحۡمَٰنُ عِبَادَهُۥ بِٱلۡغَيۡبِۚ إِنَّهُۥ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَأۡتِيّٗا

Jannatoowwan qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu). Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera info
التفاسير:

external-link copy
62 : 19

لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوًا إِلَّا سَلَٰمٗاۖ وَلَهُمۡ رِزۡقُهُمۡ فِيهَا بُكۡرَةٗ وَعَشِيّٗا

Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a fokkataa hin dhagayan. Ishee keessatti isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira. info
التفاسير:

external-link copy
63 : 19

تِلۡكَ ٱلۡجَنَّةُ ٱلَّتِي نُورِثُ مِنۡ عِبَادِنَا مَن كَانَ تَقِيّٗا

Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha. info
التفاسير:

external-link copy
64 : 19

وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمۡرِ رَبِّكَۖ لَهُۥ مَا بَيۡنَ أَيۡدِينَا وَمَا خَلۡفَنَا وَمَا بَيۡنَ ذَٰلِكَۚ وَمَا كَانَ رَبُّكَ نَسِيّٗا

Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunu, Wanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan Isaati, Gooftaan kee dagataa hin taane. info
التفاسير: