Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Almaa’idaa

external-link copy
1 : 5

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَوۡفُواْ بِٱلۡعُقُودِۚ أُحِلَّتۡ لَكُم بَهِيمَةُ ٱلۡأَنۡعَٰمِ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ غَيۡرَ مُحِلِّي ٱلصَّيۡدِ وَأَنتُمۡ حُرُمٌۗ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ مَا يُرِيدُ

Isin Yaa warra amantan! Waadaa guutaa; beelladoonni isiniif halaala godhamteetti wanti isin irratti dubbifamu qofti odoo hafuu. (Hajjiifi umraa) kan hidhattan taatanii adamsuu halaala haala hin godhatiniin. Rabbiin waan fedhe murteessa. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 5

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُحِلُّواْ شَعَٰٓئِرَ ٱللَّهِ وَلَا ٱلشَّهۡرَ ٱلۡحَرَامَ وَلَا ٱلۡهَدۡيَ وَلَا ٱلۡقَلَٰٓئِدَ وَلَآ ءَآمِّينَ ٱلۡبَيۡتَ ٱلۡحَرَامَ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّن رَّبِّهِمۡ وَرِضۡوَٰنٗاۚ وَإِذَا حَلَلۡتُمۡ فَٱصۡطَادُواْۚ وَلَا يَجۡرِمَنَّكُمۡ شَنَـَٔانُ قَوۡمٍ أَن صَدُّوكُمۡ عَنِ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ أَن تَعۡتَدُواْۘ وَتَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡبِرِّ وَٱلتَّقۡوَىٰۖ وَلَا تَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡعُدۡوَٰنِۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ

Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii,halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf dhufanis, horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames,fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan adamsadhaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha. info
التفاسير: