Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Número de página:close

external-link copy
17 : 40

ٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡۚ لَا ظُلۡمَ ٱلۡيَوۡمَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ

Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamti. Har’a miidhaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin saffisaa herregaati. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 40

وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡأٓزِفَةِ إِذِ ٱلۡقُلُوبُ لَدَى ٱلۡحَنَاجِرِ كَٰظِمِينَۚ مَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ حَمِيمٖ وَلَا شَفِيعٖ يُطَاعُ

Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa),isaan akeekkachiisi. yeroo onneewwan kokkeewwan bira geessu, yaada guutaman san. Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 40

يَعۡلَمُ خَآئِنَةَ ٱلۡأَعۡيُنِ وَمَا تُخۡفِي ٱلصُّدُورُ

(Rabbiin) gantuu ijootaa ni beeka. waan qomoowwan dhoksitus. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 40

وَٱللَّهُ يَقۡضِي بِٱلۡحَقِّۖ وَٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَقۡضُونَ بِشَيۡءٍۗ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ

Rabbiin dhugaan murteessa. Warri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanu. Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 40

۞ أَوَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَانُواْ هُمۡ أَشَدَّ مِنۡهُمۡ قُوَّةٗ وَءَاثَارٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُ بِذُنُوبِهِمۡ وَمَا كَانَ لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن وَاقٖ

Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka taate hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turan, Rabbiin badiilee isaaniitif isaan qabe (adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 40

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَكَفَرُواْ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ قَوِيّٞ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ

Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifi. Rabbiin isaan ni qabe. Inni jabaa, adabbii cimaati. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 40

وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ

Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa mul'ataan ergineerra. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 40

إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَقَٰرُونَ فَقَالُواْ سَٰحِرٞ كَذَّابٞ

Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 40

فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ مِنۡ عِندِنَا قَالُواْ ٱقۡتُلُوٓاْ أَبۡنَآءَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ وَٱسۡتَحۡيُواْ نِسَآءَهُمۡۚ وَمَا كَيۡدُ ٱلۡكَٰفِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَٰلٖ

Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een isaanitti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” shirri kaafirootaa dhabama keessatti malee hin taane. info
التفاسير: