Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Ghaly Ababur

Número de página:close

external-link copy
275 : 2

ٱلَّذِينَ يَأۡكُلُونَ ٱلرِّبَوٰاْ لَا يَقُومُونَ إِلَّا كَمَا يَقُومُ ٱلَّذِي يَتَخَبَّطُهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ مِنَ ٱلۡمَسِّۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَالُوٓاْ إِنَّمَا ٱلۡبَيۡعُ مِثۡلُ ٱلرِّبَوٰاْۗ وَأَحَلَّ ٱللَّهُ ٱلۡبَيۡعَ وَحَرَّمَ ٱلرِّبَوٰاْۚ فَمَن جَآءَهُۥ مَوۡعِظَةٞ مِّن رَّبِّهِۦ فَٱنتَهَىٰ فَلَهُۥ مَا سَلَفَ وَأَمۡرُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِۖ وَمَنۡ عَادَ فَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Warri dhala nyaatan (Guyyaa Qiyaama) hinkaafaman akka isa shayxaanni maraatummaa irraa isa kukuffisu dhaabbatuutti malee hin dhaabbatanuKunis waan isaan "bittaa gurgurtaan akkuma dhalaati" jedhaniifiRabbiin immoo bittaa gurgurtaa hayyamee dhala dhorgeNamni gorsi Gooftaa isaa irraa itti dhufee (dhala nyaachuu irraa) dhorgame, wanti (dhorgaan dura) darbe kanuma isaatiDhimmi isaas (waan dhufu keessatti) gara RabbiitiNamni (itti) deebi’e immoo isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha. info
التفاسير:

external-link copy
276 : 2

يَمۡحَقُ ٱللَّهُ ٱلرِّبَوٰاْ وَيُرۡبِي ٱلصَّدَقَٰتِۗ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ كَفَّارٍ أَثِيمٍ

Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haqa; sadaqaawwan immoo ni guddisa. Rabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawaa hunda hin jaalatu. info
التفاسير:

external-link copy
277 : 2

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ لَهُمۡ أَجۡرُهُمۡ عِندَ رَبِّهِمۡ وَلَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ

Dhugumatti, isaannan amananii gaggaariis hojjatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaas kennan, warri sun mindaan isaanii gooftaa isaanii bira isaaniif jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanu. info
التفاسير:

external-link copy
278 : 2

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَذَرُواْ مَا بَقِيَ مِنَ ٱلرِّبَوٰٓاْ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa. info
التفاسير:

external-link copy
279 : 2

فَإِن لَّمۡ تَفۡعَلُواْ فَأۡذَنُواْ بِحَرۡبٖ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦۖ وَإِن تُبۡتُمۡ فَلَكُمۡ رُءُوسُ أَمۡوَٰلِكُمۡ لَا تَظۡلِمُونَ وَلَا تُظۡلَمُونَ

Yoo (kana) hin hojjatin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa). Hin miitanus; hin miidhamtanus. info
التفاسير:

external-link copy
280 : 2

وَإِن كَانَ ذُو عُسۡرَةٖ فَنَظِرَةٌ إِلَىٰ مَيۡسَرَةٖۚ وَأَن تَصَدَّقُواْ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ

Yoo (kan deyniin irra jirtu) rakkataa tahe hanga argatutti eeggachuutu (isin irra jira), (Isaanitti) saddaqachuutu irra isiniif caala. Yoo kan beektan taataniif (sadaqadhaa). info
التفاسير:

external-link copy
281 : 2

وَٱتَّقُواْ يَوۡمٗا تُرۡجَعُونَ فِيهِ إِلَى ٱللَّهِۖ ثُمَّ تُوَفَّىٰ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا كَسَبَتۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ

Guyyaa sodaadhaa kan isa keessa gara Rabbii deebifamtan, ergasii lubbuun hundi waan hojjatteen galata galfamtu, isaan hinmiidhaman. info
التفاسير: