Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor

Page Number:close

external-link copy
3 : 5

حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةُ وَٱلدَّمُ وَلَحۡمُ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِهِۦ وَٱلۡمُنۡخَنِقَةُ وَٱلۡمَوۡقُوذَةُ وَٱلۡمُتَرَدِّيَةُ وَٱلنَّطِيحَةُ وَمَآ أَكَلَ ٱلسَّبُعُ إِلَّا مَا ذَكَّيۡتُمۡ وَمَا ذُبِحَ عَلَى ٱلنُّصُبِ وَأَن تَسۡتَقۡسِمُواْ بِٱلۡأَزۡلَٰمِۚ ذَٰلِكُمۡ فِسۡقٌۗ ٱلۡيَوۡمَ يَئِسَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن دِينِكُمۡ فَلَا تَخۡشَوۡهُمۡ وَٱخۡشَوۡنِۚ ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗاۚ فَمَنِ ٱضۡطُرَّ فِي مَخۡمَصَةٍ غَيۡرَ مُتَجَانِفٖ لِّإِثۡمٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 5

يَسۡـَٔلُونَكَ مَاذَآ أُحِلَّ لَهُمۡۖ قُلۡ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُ وَمَا عَلَّمۡتُم مِّنَ ٱلۡجَوَارِحِ مُكَلِّبِينَ تُعَلِّمُونَهُنَّ مِمَّا عَلَّمَكُمُ ٱللَّهُۖ فَكُلُواْ مِمَّآ أَمۡسَكۡنَ عَلَيۡكُمۡ وَٱذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَيۡهِۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ

Maaltu akka isaaniif halaal tahe si gaafatu. "Gaggaariin (hunduu), halaal isiniif tahe, wanti isin leenjiftoota taatanii carraaqxota irraas barsiiftan kan waan Rabbiin isin barsiise irraa barsiiftan,(isiniif hayyamameera). Waan isaan isiniif qaban irraa nyaadhaa. Maqaa Rabbiis isa irratti dubbadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin qormaanni (Isaa) saffisaadha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 5

ٱلۡيَوۡمَ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُۖ وَطَعَامُ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ حِلّٞ لَّكُمۡ وَطَعَامُكُمۡ حِلّٞ لَّهُمۡۖ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكُمۡ إِذَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ مُحۡصِنِينَ غَيۡرَ مُسَٰفِحِينَ وَلَا مُتَّخِذِيٓ أَخۡدَانٖۗ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ حَبِطَ عَمَلُهُۥ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ

Har'a gaggaariin hundi isiniif eeyyamameera. Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha. Tikfattoonni dubartoota mu’uminoota irraa ta’aniifi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura kitaaba kennaman irraa ta'anii fuudhoo, kan sagaagala hin dalagneefi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama). Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a info
التفاسير: