Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor

Page Number: 95:77 close

external-link copy
106 : 4

وَٱسۡتَغۡفِرِ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا

Rabbiin araarama kadhu. Dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta'eera. info
التفاسير:

external-link copy
107 : 4

وَلَا تُجَٰدِلۡ عَنِ ٱلَّذِينَ يَخۡتَانُونَ أَنفُسَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ خَوَّانًا أَثِيمٗا

Isaan lubbuulee isaanii ganan irraas hin falmin. Dhugumatti Rabbiin nama akkaan ganaa dilaawaa ta’e hin jaalatu. info
التفاسير:

external-link copy
108 : 4

يَسۡتَخۡفُونَ مِنَ ٱلنَّاسِ وَلَا يَسۡتَخۡفُونَ مِنَ ٱللَّهِ وَهُوَ مَعَهُمۡ إِذۡ يُبَيِّتُونَ مَا لَا يَرۡضَىٰ مِنَ ٱلۡقَوۡلِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا يَعۡمَلُونَ مُحِيطًا

Nama irraa ni dhokatu;Rabbi irraa hin dhokatanu, inni yeroo isaan jecha irraa waan inni hin jaalanne bulfatan isaanii wajjin jira. Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaa ta'eera. info
التفاسير:

external-link copy
109 : 4

هَٰٓأَنتُمۡ هَٰٓؤُلَآءِ جَٰدَلۡتُمۡ عَنۡهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا فَمَن يُجَٰدِلُ ٱللَّهَ عَنۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَم مَّن يَكُونُ عَلَيۡهِمۡ وَكِيلٗا

Dhaga'aa! Isin warri kun jireenya addunyaa keessatti isaan irraa falmitanii, Guyyaa Qiyaamaa immoo eenyutu isaan irraa falma? Yookiin eenyutu isaan irratti tiksaa ta'a? info
التفاسير:

external-link copy
110 : 4

وَمَن يَعۡمَلۡ سُوٓءًا أَوۡ يَظۡلِمۡ نَفۡسَهُۥ ثُمَّ يَسۡتَغۡفِرِ ٱللَّهَ يَجِدِ ٱللَّهَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا

Namni hamtuu hojjatee yookiin lubbuu isaa miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’uu arga. info
التفاسير:

external-link copy
111 : 4

وَمَن يَكۡسِبۡ إِثۡمٗا فَإِنَّمَا يَكۡسِبُهُۥ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا

Namni badii oomishes, kan inni isa oomishu lubbuma isaa irratti. Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera. info
التفاسير:

external-link copy
112 : 4

وَمَن يَكۡسِبۡ خَطِيٓـَٔةً أَوۡ إِثۡمٗا ثُمَّ يَرۡمِ بِهِۦ بَرِيٓـٔٗا فَقَدِ ٱحۡتَمَلَ بُهۡتَٰنٗا وَإِثۡمٗا مُّبِينٗا

Namni dogoggora yookiin badii oomishee ergasii nama qulqulluu isaan darbate (arrabse), inni dhugumatti cubbuufi badii ifa ta’e baateera. info
التفاسير:

external-link copy
113 : 4

وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكَ وَرَحۡمَتُهُۥ لَهَمَّت طَّآئِفَةٞ مِّنۡهُمۡ أَن يُضِلُّوكَ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمۡۖ وَمَا يَضُرُّونَكَ مِن شَيۡءٖۚ وَأَنزَلَ ٱللَّهُ عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَعَلَّمَكَ مَا لَمۡ تَكُن تَعۡلَمُۚ وَكَانَ فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكَ عَظِيمٗا

Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa sirra jiraachuu baatee, silaa gareen isaan irraa taate tokko si jallisuuf yaaddeetti. Lubbuulee isaanii malee homaa hin jallisanu. Homaa si hin miidhanus. Rabbiin kitaaba (Qur’aanaa)fi ogummaa (hadiisa) sirratti buuse; waan ati kabeektu hintahin si barsiise, Tolli Rabbiin sirratti oolu guddaa ta’eera. info
التفاسير: