Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor

Page Number:close

external-link copy
20 : 26

قَالَ فَعَلۡتُهَآ إِذٗا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ

[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 26

فَفَرَرۡتُ مِنكُمۡ لَمَّا خِفۡتُكُمۡ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكۡمٗا وَجَعَلَنِي مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ

Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyya beekumsa naaf kenne, ergamtoota irraa na godhe. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 26

وَتِلۡكَ نِعۡمَةٞ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنۡ عَبَّدتَّ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ

Sun tola ati narratti himattuudha Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin”. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 26

قَالَ فِرۡعَوۡنُ وَمَا رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 26

قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ

[Muusaan]: “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 26

قَالَ لِمَنۡ حَوۡلَهُۥٓ أَلَا تَسۡتَمِعُونَ

[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 26

قَالَ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ

[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 26

قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِيٓ أُرۡسِلَ إِلَيۡكُمۡ لَمَجۡنُونٞ

[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 26

قَالَ رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُمۡ تَعۡقِلُونَ

[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 26

قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذۡتَ إِلَٰهًا غَيۡرِي لَأَجۡعَلَنَّكَ مِنَ ٱلۡمَسۡجُونِينَ

[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 26

قَالَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكَ بِشَيۡءٖ مُّبِينٖ

[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 26

قَالَ فَأۡتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 26

فَأَلۡقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعۡبَانٞ مُّبِينٞ

[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 26

وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِيَ بَيۡضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ

Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 26

قَالَ لِلۡمَلَإِ حَوۡلَهُۥٓ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٞ

[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 26

يُرِيدُ أَن يُخۡرِجَكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِۦ فَمَاذَا تَأۡمُرُونَ

“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe). info
التفاسير:

external-link copy
36 : 26

قَالُوٓاْ أَرۡجِهۡ وَأَخَاهُ وَٱبۡعَثۡ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ

[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota keessatti walitti qabdoota ergi. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 26

يَأۡتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٖ

Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.” info
التفاسير:

external-link copy
38 : 26

فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ

Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman. info
التفاسير:

external-link copy
39 : 26

وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلۡ أَنتُم مُّجۡتَمِعُونَ

Namootaanis ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa); info
التفاسير: