Prijevod značenja časnog Kur'ana - Prijevod na oromo jezik - Gali Ababur

Addukhaan

external-link copy
1 : 44

حمٓ

Haa Miim. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 44

وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ

Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha). info
التفاسير:

external-link copy
3 : 44

إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ فِي لَيۡلَةٖ مُّبَٰرَكَةٍۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ

Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufne. Nuti dinniinoo taaneerra. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 44

فِيهَا يُفۡرَقُ كُلُّ أَمۡرٍ حَكِيمٍ

Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 44

أَمۡرٗا مِّنۡ عِندِنَآۚ إِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ

Ajaja nu biraa ta’e (ibsina) Nuti ergitoota taaneerra. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 44

رَحۡمَةٗ مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ

Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne). Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 44

رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ

(Rahmata) Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eeti. Yoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa). info
التفاسير:

external-link copy
8 : 44

لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ

Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeessas. (Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kanneen duraati. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 44

بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ يَلۡعَبُونَ

Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 44

فَٱرۡتَقِبۡ يَوۡمَ تَأۡتِي ٱلسَّمَآءُ بِدُخَانٖ مُّبِينٖ

Guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 44

يَغۡشَى ٱلنَّاسَۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٞ

(Aarri kun) namoota haguuga. Kun adabbii laalessaadha. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 44

رَّبَّنَا ٱكۡشِفۡ عَنَّا ٱلۡعَذَابَ إِنَّا مُؤۡمِنُونَ

(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu). info
التفاسير:

external-link copy
13 : 44

أَنَّىٰ لَهُمُ ٱلذِّكۡرَىٰ وَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولٞ مُّبِينٞ

(erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata, Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu? info
التفاسير:

external-link copy
14 : 44

ثُمَّ تَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ وَقَالُواْ مُعَلَّمٞ مَّجۡنُونٌ

Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraataadha” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 44

إِنَّا كَاشِفُواْ ٱلۡعَذَابِ قَلِيلًاۚ إِنَّكُمۡ عَآئِدُونَ

Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 44

يَوۡمَ نَبۡطِشُ ٱلۡبَطۡشَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ إِنَّا مُنتَقِمُونَ

Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 44

۞ وَلَقَدۡ فَتَنَّا قَبۡلَهُمۡ قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَ وَجَآءَهُمۡ رَسُولٞ كَرِيمٌ

Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirra. Ergamaan kabajamaanis isaanitti dhufe. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 44

أَنۡ أَدُّوٓاْ إِلَيَّ عِبَادَ ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ

“gabroota Rabbii gara kiyya kennaa! Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa,” jechuun (isaanitti dhufe). info
التفاسير: