আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

পৃষ্ঠা নং:close

external-link copy
137 : 26

إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلۡأَوَّلِينَ

Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti. info
التفاسير:

external-link copy
138 : 26

وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ

Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan]. info
التفاسير:

external-link copy
139 : 26

فَكَذَّبُوهُ فَأَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ

Isa sobsiisan. Nutis isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
140 : 26

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
141 : 26

كَذَّبَتۡ ثَمُودُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ

Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte. info
التفاسير:

external-link copy
142 : 26

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii? info
التفاسير:

external-link copy
143 : 26

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ

Ani isiniif ergamaa amanamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
144 : 26

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa. info
التفاسير:

external-link copy
145 : 26

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
146 : 26

أَتُتۡرَكُونَ فِي مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ

Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu? info
التفاسير:

external-link copy
147 : 26

فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ

Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti, info
التفاسير:

external-link copy
148 : 26

وَزُرُوعٖ وَنَخۡلٖ طَلۡعُهَا هَضِيمٞ

Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?) info
التفاسير:

external-link copy
149 : 26

وَتَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتٗا فَٰرِهِينَ

Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?) info
التفاسير:

external-link copy
150 : 26

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa. info
التفاسير:

external-link copy
151 : 26

وَلَا تُطِيعُوٓاْ أَمۡرَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ

Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa. info
التفاسير:

external-link copy
152 : 26

ٱلَّذِينَ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ

Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe]. info
التفاسير:

external-link copy
153 : 26

قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ

[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha. info
التفاسير:

external-link copy
154 : 26

مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا فَأۡتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.” info
التفاسير:

external-link copy
155 : 26

قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٞ لَّهَا شِرۡبٞ وَلَكُمۡ شِرۡبُ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ

[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira. info
التفاسير:

external-link copy
156 : 26

وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَظِيمٖ

Hamtuun ishee hin tuqinaa, [Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.” info
التفاسير:

external-link copy
157 : 26

فَعَقَرُوهَا فَأَصۡبَحُواْ نَٰدِمِينَ

Ishee waraananii sheena’oota ta’an info
التفاسير:

external-link copy
158 : 26

فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ

Adabbichis isaan qabate, Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
159 : 26

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha. info
التفاسير: