আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

পৃষ্ঠা নং:close

external-link copy
61 : 26

فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلۡجَمۡعَانِ قَالَ أَصۡحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدۡرَكُونَ

Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
62 : 26

قَالَ كَلَّآۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهۡدِينِ

[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.” info
التفاسير:

external-link copy
63 : 26

فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡبَحۡرَۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرۡقٖ كَٱلطَّوۡدِ ٱلۡعَظِيمِ

Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e. info
التفاسير:

external-link copy
64 : 26

وَأَزۡلَفۡنَا ثَمَّ ٱلۡأٓخَرِينَ

Bakka sanatti warra biraa dhiheessine. info
التفاسير:

external-link copy
65 : 26

وَأَنجَيۡنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ

Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine. info
التفاسير:

external-link copy
66 : 26

ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ

Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne. info
التفاسير:

external-link copy
67 : 26

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ

Kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
68 : 26

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
69 : 26

وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ إِبۡرَٰهِيمَ

Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi. info
التفاسير:

external-link copy
70 : 26

إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا تَعۡبُدُونَ

Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe. info
التفاسير:

external-link copy
71 : 26

قَالُواْ نَعۡبُدُ أَصۡنَامٗا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ

“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
72 : 26

قَالَ هَلۡ يَسۡمَعُونَكُمۡ إِذۡ تَدۡعُونَ

[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii? info
التفاسير:

external-link copy
73 : 26

أَوۡ يَنفَعُونَكُمۡ أَوۡ يَضُرُّونَ

Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?” info
التفاسير:

external-link copy
74 : 26

قَالُواْ بَلۡ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفۡعَلُونَ

[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 26

قَالَ أَفَرَءَيۡتُم مَّا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ

[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu? info
التفاسير:

external-link copy
76 : 26

أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلۡأَقۡدَمُونَ

Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis? info
التفاسير:

external-link copy
77 : 26

فَإِنَّهُمۡ عَدُوّٞ لِّيٓ إِلَّا رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti). info
التفاسير:

external-link copy
78 : 26

ٱلَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهۡدِينِ

[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.” info
التفاسير:

external-link copy
79 : 26

وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ

Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha. info
التفاسير:

external-link copy
80 : 26

وَإِذَا مَرِضۡتُ فَهُوَ يَشۡفِينِ

Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa. info
التفاسير:

external-link copy
81 : 26

وَٱلَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحۡيِينِ

Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha. info
التفاسير:

external-link copy
82 : 26

وَٱلَّذِيٓ أَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لِي خَطِيٓـَٔتِي يَوۡمَ ٱلدِّينِ

Isa guyyaa murtii badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha. info
التفاسير:

external-link copy
83 : 26

رَبِّ هَبۡ لِي حُكۡمٗا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ

Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi. info
التفاسير: