আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

পৃষ্ঠা নং:close

external-link copy
43 : 23

مَا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ

Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 23

ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا رُسُلَنَا تَتۡرَاۖ كُلَّ مَا جَآءَ أُمَّةٗ رَّسُولُهَا كَذَّبُوهُۖ فَأَتۡبَعۡنَا بَعۡضَهُم بَعۡضٗا وَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَحَادِيثَۚ فَبُعۡدٗا لِّقَوۡمٖ لَّا يُؤۡمِنُونَ

Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergine, Dhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisu, (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifne, Oduu odeeffamu isaan taasifne, Namoota hin amanneef fageenyi haa ta’u! info
التفاسير:

external-link copy
45 : 23

ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ وَأَخَاهُ هَٰرُونَ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ

Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine. info
التفاسير:

external-link copy
46 : 23

إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمًا عَالِينَ

Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine). ni boonan orma uftuultota tahan. info
التفاسير:

external-link copy
47 : 23

فَقَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لِبَشَرَيۡنِ مِثۡلِنَا وَقَوۡمُهُمَا لَنَا عَٰبِدُونَ

Ni jedhan: “Sila namoota lamaaf amannaa? kan nu fakkaataniifi kan ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an" info
التفاسير:

external-link copy
48 : 23

فَكَذَّبُوهُمَا فَكَانُواْ مِنَ ٱلۡمُهۡلَكِينَ

Isaan lamaan ni sobsiisan, Warra balleeffaman irraas ta’an. info
التفاسير:

external-link copy
49 : 23

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ لَعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ

Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra. info
التفاسير:

external-link copy
50 : 23

وَجَعَلۡنَا ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥٓ ءَايَةٗ وَءَاوَيۡنَٰهُمَآ إِلَىٰ رَبۡوَةٖ ذَاتِ قَرَارٖ وَمَعِينٖ

Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifne, Isaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu qabuu isaan qubsiifne. info
التفاسير:

external-link copy
51 : 23

يَٰٓأَيُّهَا ٱلرُّسُلُ كُلُواْ مِنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ عَلِيمٞ

Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa, Dalagaalee gaggaariis hojjadhaa, Ani waan isin hojjattan beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
52 : 23

وَإِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَأَنَا۠ رَبُّكُمۡ فَٱتَّقُونِ

Isheen tun (Rabbii tokkicha gabbaruun) tuuta teessani tuuta takka (karaa tokko taatee amantii keessani), Anis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa. info
التفاسير:

external-link copy
53 : 23

فَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ زُبُرٗاۖ كُلُّ حِزۡبِۭ بِمَا لَدَيۡهِمۡ فَرِحُونَ

Amantii isaanii gidduu isaanitti addaan cicciratani qoodamaa godhan, Gareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu. info
التفاسير:

external-link copy
54 : 23

فَذَرۡهُمۡ فِي غَمۡرَتِهِمۡ حَتَّىٰ حِينٍ

Hanga yeroo murtaa'eetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi. info
التفاسير:

external-link copy
55 : 23

أَيَحۡسَبُونَ أَنَّمَا نُمِدُّهُم بِهِۦ مِن مَّالٖ وَبَنِينَ

Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii)se’uu? info
التفاسير:

external-link copy
56 : 23

نُسَارِعُ لَهُمۡ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ بَل لَّا يَشۡعُرُونَ

Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (se'uu?) Lakkii; (Nuti kanaaf hin goone) Garuu isaan hin hubatan. info
التفاسير:

external-link copy
57 : 23

إِنَّ ٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ خَشۡيَةِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ

Isaa warri sodaa Gooftaa isaanii irraa nahoo tahan. info
التفاسير:

external-link copy
58 : 23

وَٱلَّذِينَ هُم بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ يُؤۡمِنُونَ

Isaan Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniitti amanan, info
التفاسير:

external-link copy
59 : 23

وَٱلَّذِينَ هُم بِرَبِّهِمۡ لَا يُشۡرِكُونَ

Isaan Warri Gooftaa isaaniitti homaa hin qindeessine, info
التفاسير: