আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

Almu’uminuun

external-link copy
1 : 23

قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ

Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 23

ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ

Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 23

وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنِ ٱللَّغۡوِ مُعۡرِضُونَ

Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 23

وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِلزَّكَوٰةِ فَٰعِلُونَ

Isaan warra zakaas raawwataniidha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 23

وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ

Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 23

إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ

Jaartiiwwan isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti malee, isaan (kanarratti) komatamoo miti. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 23

فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ

Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha. {1} info

{1} kuni karaa jaartii ufiitiifii gabrittii ufii malee karaa biroo kamiiyyu fedhee bahuuf itti fayyadamuun haraam dhoowwaa tahuu ibsa. kanneen akka harkaan fedhii ufirraa baasuu fii beyladaan wajji qunnamtii godhuu fii wanni kana fakkaatu hundinuu haraam kana jala seena. dhoowwaadha badii guddoodha.

التفاسير:

external-link copy
8 : 23

وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ

Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 23

وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَوَٰتِهِمۡ يُحَافِظُونَ

Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 23

أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡوَٰرِثُونَ

Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati). info
التفاسير:

external-link copy
11 : 23

ٱلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡفِرۡدَوۡسَ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Isaan warra Firdawsiin dhaalanu. isaan ishee keessatti hafoodha. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 23

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٖ مِّن طِينٖ

Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 23

ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةٗ فِي قَرَارٖ مَّكِينٖ

Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 23

ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمٗا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمٗا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ

Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone, Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e! info
التفاسير:

external-link copy
15 : 23

ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ

Eegasii Isin sana booda du’oodha. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 23

ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تُبۡعَثُونَ

Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 23

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعَ طَرَآئِقَ وَمَا كُنَّا عَنِ ٱلۡخَلۡقِ غَٰفِلِينَ

dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirra, Nuti uumamtoota irraa kan dagannu hin taane info
التفاسير: